‏ Psalms 30

Galata Nama Afaan Duʼaatii Deebiʼee

Faarfannaa eebba mana qulqullummaatiif Faarfatame. Faarfannaa Daawit.

1Yaa Waaqayyo, sababii ati ol na fuutee
akka diinonni koo natti hin gammanne gooteef,
ani sin jajadha.
2Yaa Waaqayyo Waaqa ko,
ani gargaarsaaf sin waammadhe; atis na fayyifte.
3Yaa Waaqayyo, ati lubbuu koo siiʼoolii baafte;
akka ani boolla hin buune gootees na jiraachifte.

4Isin qulqulloonni isaa, faarfannaadhaan Waaqayyoon jajadhaa;
maqaa isaa qulqulluu sanaafis galata galchaa.
5Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti;
gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura;
booʼichi galgala tokko qofaaf tura;
ganama garuu ililleetu taʼa.

6Anis yommuun nagaa argadhetti,
“Ani gonkumaa hin raafamu” nan jedhe.
7Yaa Waaqayyo, ati jaalala keetiin
akka tulluu jabaatti na dhaabde;
yeroo ati fuula kee na duraa dhoksitetti garuu
naasuutu na qabate.

8Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha;
ani gara Gooftaatti akkana jedhee araaraaf nan iyyadha:
9“Duʼuu koo keessaa, boolla buʼuu koo keessaas
faayidaa maaliitu argama?
Biyyoon si galateeffataa?
Amanamummaa kees ni odeessaa?
10Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; na maaris;
Yaa Waaqayyo, gargaarsa naa taʼi.”

11Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte;
wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;
12kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi

akka isheen hin calʼisneefii dha.
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani bara baraan sin galateeffadha.
Copyright information for GazHAHl