Psalms 31
Kadhannaa Yeroo Rakkinaa
31:1‑4 kwf – Far 71:1‑3
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. 1Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera;ati gonkumaa na hin qaanessin;
qajeelummaa keetiin na oolchi.
2Gurra kee gara kootti qabi; dafiitii na oolchi;
kattaa ani itti kooluu galu naa taʼi;
na oolchuudhaafis daʼoo jabaa naa taʼi.
3Ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef,
maqaa keetiif jedhiitii na qajeelchi; karaa irras na buusi.
4Ati iddoo ani itti baqadhu waan taateef,
kiyyoo diinonni koo naa kaaʼan keessaa na baasi.
5Ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha;
yaa Waaqayyo Waaqa dhugaa, ati na furi.
6Ani warra waaqota faayidaa hin qabne abdatan nan jibba;
Waaqayyoon garuu nan amanadha.
7Ani jaalala kee kan hin geeddaramne sanatti nan gammada; nan ililchas;
ati dhiphina koo argiteertaatii;
rakkina lubbuu kootii illee beekteerta.
8Ati dabarsitee diinatti na hin kennine;
miilla koos iddoo balʼaa irra dhaabdeerta.
9Yaa Waaqayyo, ani dhiphina keessan jiraatii na baasi;
iji koo gaddaan, lubbuun koo fi dhagni koo gaddaan dadhabaniiru.
10Jireenyi koo gaddaan, umuriin koo aaduudhaan dhumeera;
jabinni koo sababii dhiphina kootiitiif laafeera;
lafeen koos xuuxameera.
11Sababii diinota koo hundaatiif,
ani olloota koo biratti waan sodaachisaa,
michoota koo biratti immoo waan jibbisiisaa taʼeera;
warri karaa irratti na arganis na baqatu.
12Ani akkuma nama duʼeetti irraanfatameera;
akkuma qodaa cabaas nan taʼe.
13Asaasa namoota baayʼee nan dhagaʼaatii;
kallattii hundaan sodaatu jira!
Isaan natti malatanii
lubbuu koo balleessuuf mariʼatan.
14Yaa Waaqayyo, ani garuu sin amanadha;
“Ati Waaqa koo ti” nan jedha.
15Barri koo si harka jira; diinota koo jalaa,
warra na ariʼatan harkaas na baasi.
16Fuulli kee tajaajilaa kee irratti haa ifu;
jaalala kee kan hin geeddaramne sanaanis na baraari.
17Yaa Waaqayyo, ani hin qaaneffamin;
ani si waammadheeraatii;
warri hamoon garuu haa qaaneffaman;
calʼisaniis siiʼool keessa haa buʼan.
18Afaan soba dubbatu,
kan of tuulummaa fi tuffiidhaan,
nama qajeelaatti kooree dubbatu haa duudu.
19Gaarummaan kee kan ati warra si sodaataniif ol keesse,
kan ati fuula namootaa duratti
warra kooluu sitti galaniif kennite akkam guddaa dha!
20Daʼoo fuula keetiitiin,
waan namoonni isaanitti malatan jalaa isaan dhoksita;
dunkaana kee keessattis dubbiin tuttuquu jalaa isaan daʼeessita.
21 Waaqayyo haa eebbifamu;
inni yeroo ani magaalaa marfamte keessa turetti,
jaalala isaa dinqisiisaa sana na argisiiseeraatii.
22Ani yeroon akka malee dhiphadhetti,
“Ani fuula kee duraa badeera!” jedheen ture.
Ati garuu yeroo ani gargaarsaaf sitti iyyadhetti,
kadhannaa koo naa dhageesse.
23Qulqulloonni isaa hundinuu, Waaqayyoon jaalladhaa!
Waaqayyo amanamoota ni eega;
of tuultotaaf garuu akkuma hojii isaaniitti irra dabarsee deebisaaf.
24Warri Waaqayyoon abdattan hundinuu jabaadhaa;
garaan keessan hin sodaatin.
Copyright information for
GazHAHl