Psalms 32
Cubbuu Himachuu
Faarfannaa Daawit. Maskiil. 1Namni yakki isaa dhiifameef,kan cubbuun isaas haguugameef,
eebbifamaa dha.
2Namni Waaqayyo cubbuu itti hin lakkoofne,
kan hafuura isaa keessas gowwoomsaan hin jirre,
eebbifamaa dha.
3Yeroo ani cubbuu koo himachuu dhiisetti,
guyyaa guutuu aaduu kootiin,
lafeen koo ni bosose.
4Harki kee halkanii fi guyyaa natti ulfaateeraatii;
jabinni koos akkuma waan hoʼa bonaatiin taʼuutti xuuxame.
5Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe;
balleessaa koos si hin dhokfanne.
Anis, “Irra daddarba koo, Waaqayyootti nan himadha” nan jedhe;
atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta.
6Kanaafuu namni amanamaan kam iyyuu,
yeroo ati itti argamtutti si haa kadhatu;
lolaan bishaan guddaas isa bira hin gaʼu.
7Ati iddoo ani itti dhokadhuu dha;
rakkina irraa na eegda;
faarfannaa moʼannaatiinis na marsita.
8Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas;
ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa.
9Isin akka farda yookaan gaangoo
hubannaa hin qabnee hin taʼinaa;
isaan yoo luugamaa fi fuuloodhaan qabaman malee
gara kee hin dhufan.
10Dhiphinni namoota hamoo baayʼee dha;
araarri Waaqayyoo garuu nama isa amanatu ni marsa.
11Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa; ililchaas;
warri garaa qulqulluu qabdan hundinuu ililchaa.
Copyright information for
GazHAHl