‏ Psalms 34

Waaqa Murtii Qajeelaa Jajachuu

Faarfannaa Daawit. Innis fuula Abiimelek duratti maraatuu of fakkeesseef Abiimelek isa ariinaan yeroo achii deemetti faarfate.

1Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa;
galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.
2Lubbuun koo Waaqayyoon boonti;
cunqurfamtoonni dhagaʼanii haa gammadan.
3Na wajjin Waaqayyoof ulfina kennaa;
kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa.

4 Waaqayyoon nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne;
sodaa koo hunda keessaas na baase.
5Warri gara isaa ilaalan ni ifu;
fuulli isaaniis yoom iyyuu hin qaanaʼu.
6Hiyyeessi kun ni iyye; Waaqayyos isa dhagaʼe;
rakkina isaa hundumaa keessaas isa baase.
7Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqa sodaatanii
ni qubata; isaan ni oolchas.

8Akka Waaqayyo gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa;
namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.
9Isin qulqulloonni isaa Waaqayyoon sodaadhaa;
warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii.
10Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas;
namni Waaqayyoon barbaaddatu garuu

waan gaarii tokko illee hin dhabu.

11Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa;
anis Waaqayyoon sodaachuu isinan barsiisa.
12Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis
bara baayʼee hawwu eenyu?
13Arraba kee waan hamaa irraa,
afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.
14Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu;
nagaa barbaadi; duukaa buʼis.

15Iji Waaqayyoo qajeeltota irra jira;
gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha;
16yaadannoo isaanii lafa irraa balleessuudhaaf,
fuulli Waaqayyoo warra hamaa hojjetanitti ni hammaata.

17Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa.
Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.
18 Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha;
warra abdii kutatanis ni fayyisa.

19Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha;
Waaqayyo garuu hunda isaa jalaa isa baasa;
20lafee isaa hunda ni eega;
isaan keessaas tokko illee hin cabu.

21Hamoota hamminatu ajjeesa;
warra nama qajeelaa jibbanitti ni murteeffama.
22 Waaqayyo lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura;
warra isatti kooluu galan keessaa tokkotti illee hin murteeffamu.
Copyright information for GazHAHl