‏ Psalms 39

Fuula Waaqaa Duratti Namni Xinnaa Dha

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit.

1Ani akkana nan jedhe; “Ani karaa koo nan eeggadha;
arraba koos cubbuu irraa nan ittisa;
hamma namni hamaan na bira jiruttis,
afaan kootti luugama nan kaaʼadha.”
2Ani calʼisee akkuma duudaa nan taʼe;
waan gaarii dubbachuu irraas of nan qusadhe;
dhiphinni koo garuu ittuma caale;
3onneen koo na keessatti bulluqaa deeme;
yeroo ani irra deddeebiʼee yaadettis ibiddi sun ni bobaʼe;
anis arraba kootiin akkana jedheen dubbadhe:

4Yaa Waaqayyo, ati dhuma jireenya kootii na argisiisi;
dheerina umurii kootiis na barsiisi;
jireenyi koo akkam dafee akka darbus na beeksisi.
5Kunoo, ati bara koo taakkuu tokkittii gooteerta;
umuriin koos fuula kee duratti homaattuu hin hedamu;
jireenyi nama hundumaas akkuma qilleensa shuf jedhee darbuu ti.
6Dhuguma iyyuu namni akkuma gaaddidduu deddeebiʼa;
dhugumaan inni akkasumaan goolama;
namni qabeenya ni kuusa; garuu eenyuuf akka walitti qabu hin beeku.

7“Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha?
Abdiin koo suma irra jira.
8Dogoggora koo hunda irraa na oolchi;
nama gowwoonni itti kolfan na hin godhin.
9Ani duudaa dha; afaan koos hin saaqqadhu;
kan waan kana godhe sumaatii.
10Ani rukuttaa harka keetiitiin dhumeeraatii;
dhaʼicha kee narraa fuudhi.
11Ati sababii cubbuu isaaniitiif namoota ifatta; ni adabdas;
akkuma biliis qabeenya isaanii ni balleessita;
dhugumaan namni hundinuu qilleensuma shuf jedhee darbuu dha.

12“Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi;
iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyus dhaggeeffadhu;
booʼicha koos calʼistee hin ilaalin.
Ani akka alagaatti si bira nan jiraadhaatii;
akkuma abbootii koo hundumaattis ani nama biyya ormaa ti.
13Utuun godaanee lafa irraa hin dhabamin dura
akkan deebiʼee gammaduuf, ija kee narraa deebifadhu.”
Copyright information for GazHAHl