‏ Psalms 4

Kadhannaa Galgalaa

Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Baganaadhaan Faarfatamu.

1Yaa Waaqa qajeelumma kootii,
yommuu ani si waammadhutti deebii naa kenni.
Ati yeroo rakkina kootti na boqochiisi;
araara kee naa buusi; kadhaa koos dhagaʼi.

2Yaa ilmaan namootaa, isin hamma yoomiitti ulfina koo gara salphinaatti deebiftu?
Isin hamma yoomiitti waan faayidaa hin qabne jaallattanii soba barbaaddu?
3Isin akka Waaqayyo warra isaaf bulan ofii isaatiif addaan baafate beekaa;
Waaqayyo yommuu ani isa waammadhutti na dhagaʼa.

4Yeroo aartanitti cubbuu hin hojjetinaa;
yommuu siree keessan irra jirtanitti,
garaa keessan keessatti yaadaa; calʼisaas.
5Aarsaa qajeelummaa dhiʼeessaa;
Waaqayyonis amanadhaa.

6Namoonni, “Eenyutu waan gaarii nu argi argisiisa?” jedhan baayʼee dha;
yaa Waaqayyo, ifni fuula keetii nurratti haa ifu.
7Gammachuu isaan yeroo midhaanii fi daadhiin wayinii isaanii baayʼatutti argatan caalaa,
ati garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteerta.

8Ani nagaadhaan nan ciisa; nan rafas;
yaa Waaqayyo si qofatu,
sodaa malee na jiraachisaatii.
Copyright information for GazHAHl