Psalms 44
Faaruu Booʼichaa
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi. 1Yaa Waaqi, waan ati bara durii,jabana isaanii keessa hojjette sana,
abbootiin keenya nutti himaniiru;
nuus gurra keenyaan dhageenyeerra.
2Ati harka keetiin saboota ariitee baafte;
abbootii keenya immoo ni dhaabde;
namoota ni balleessite;
abbootii keenya garuu bilisa baafte.
3Harka kee mirgaatiin, irree keetii fi ifa fuula keetiitiin dhaalan malee
isaan goraadee isaaniitiin lafa sana hin dhaalle;
yookaan irreen isaanii moʼannoo isaaniif hin fidne;
ati isaan jaallatteertaatii.
4Ati Mootii koo fi Waaqa koo
kan Yaaqoobiif moʼicha ajajjuu dha.
5Nu siin diinota keenya duubatti deebifna;
maqaa keetiinis amajaajota keenya gad dhidhiinna.
6Ani iddaa koo hin amanadhu;
goraadeen koos moʼannaa naa hin fidu;
7ati garuu diinota keenya jalaa nu oolchita;
warra nu jibban immoo ni qaanessita.
8Nu yeroo hundumaa Waaqaan dhaadanna;
maqaa kees bara baraan ni galateeffanna.
9Amma garuu ati nu gatteerta; gadis nu deebifteerta;
ati loltoota keenya wajjin hin baane.
10Akka nu diinota keenya baqannu nu gooteerta;
warri nu jibbanis nu saamaniiru.
11Ati akka hoolota qalamuuf qopheeffamanii nu gooteerta;
ormoota keessas nu bittinneessiteerta.
12Saba kee gatii xinnaatti gurgurteerta;
gurgurtaa isaanii irraas buʼaa hin arganne.
13Ollaa keenya duratti nama kolfaa,
warra naannoo keenyaa birattis waan qoosaatii fi nama tuffii nu gooteerta.
14Ormoota keessatti waan mammaaksaa nu goote;
namoonnis mataa nutti raasan.
15Salphinni koo guyyaa guutuu fuula koo dura jira;
fuulli koos qaaniidhaan haguugameera.
16Kunis sababii dubbii warra na tuffataniitii fi warra na arrabsaniitiif,
sababii diinaatii fi sababii nama haaloo baafatuutiif taʼe.
17Kun hundi nutti dhufeera;
taʼus nu si hin daganne;
yookaan kakuu kee keessatti amanamummaa hin dhabne.
18Garaan keenya dugda duubatti hin deebine;
tarkaanfiin keenyas karaa kee irraa hin jalʼanne.
19Ati garuu iddoo waangoonni jiraatanitti nu caccabsite;
dukkana hamaadhaan nu haguugde.
20Utuu nu maqaa Waaqa keenyaa irraanfannee,
yookaan utuu harka keenya gara waaqa ormaatti balʼifannee jiraannee,
21silaa Waaqni waan kana bira hin gaʼu turee?
Inni icciitii garaa namaa beekaatii.
22Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna;
akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra.
23Yaa Gooftaa dammaqi! Ati maaliif rafta?
Kaʼi! Bara baraanis nu hin gatin.
24Ati maaliif fuula kee dhokfatta?
Maaliifis dhiphinaa fi hacuucamuu keenya irraanfatta?
25Lubbuun keenya biyyootti dabalamteertii;
garaan keenyas lafatti maxxaneera.
26Kaʼiitii nu gargaar; sababii jaalala kee
kan hin geeddaramneetiifis nu furi.
Copyright information for
GazHAHl