Psalms 50
Waaqeffannaa Dhugaa
Faarfannaa Asaaf. 1Waaqayyo, Humna Qabeessi dubbateebaʼa biiftuutii jalqabee hamma lixa biiftuutti
lafa waameera.
2Xiyoon ishee miidhaginni ishee
hirʼina hin qabne irraa Waaqni ni ibsa.
3Waaqni keenya ni dhufa; hin calʼisus;
ibiddi hamaan fuula isaa dura,
bubbeen jabaanis naannoo isaa jira.
4Inni saba isaatti muruuf jedhee,
samiiwwan oliitii fi lafa akkana jedhee ni waama:
5“Qulqulloota koo warra aarsaadhaan na wajjin kakuu galan,
gara kootti walitti naa qabaa.”
6Samiiwwan qajeelummaa isaa ni labsu;
Waaqni mataan isaa abbaa murtiitii.
7“Yaa saba ko, nan dubbadhaatii dhagaʼi;
yaa Israaʼel, ani dhugaa sitti nan baʼa:
Ani Waaqni Waaqa kee ti.
8Ani aarsaa keetiif sitti hin dheekkamu;
aarsaan kee inni gubamu yeroo hunda fuula koo dura jira.
9Ani dallaa kee keessaa korma,
yookaan karra kee keessaa korbeessa reʼee hin barbaadu.
10Bineensi bosonaa hundinuu,
horiin tulluu kuma irratti bobbaʼus kan kootii.
11Ani simbirroota tulluuwwan irraa hunda beeka;
wanni lafa irra sosochoʼu hundinuus kan koo ti.
12Ani utuun beelaʼee iyyuu sitti hin himadhu ture;
addunyaa fi wanni ishee keessa jiru hundi kanuma kootii.
13Ani foon korommii nan nyaadhaa?
Yookaan dhiiga reʼootaa nan dhugaa?
14“Aarsaa galataa Waaqaaf dhiʼeessi; wareega kee illee
Waaqa Waan Hundaa Oliitiif galchi;
15guyyaa rakkinaa na waammadhu;
ani sin oolchaa; atis ulfina naa kennita.”
16Waaqni garuu nama hamaadhaan akkana jedha: “Ati seera koo labsuudhaaf,
kakuu koos afaan keetiin dubbachuudhaaf mirga maalii qabda?
17Ati adaba koo ni jibbita;
dubbii koos of duubatti gatta.
18Ati yoo hattuu argite isa michuu godhatta;
ejjitoota wajjinis qooda qabaatta.
19Ati afaan kee waan hamaa dubbachuuf itti fayyadamta;
arraba kees gowwoomsaadhaaf dheereffatta.
20Ati teessee obboleessa kee hamatta;
ilma haadha kee maqaa balleessita.
21Ati waan kana hunda hojjetteerta; ani immoo inuma calʼise;
ati akkuma ofii keetii na seete.
Amma garuu ani sin ifadha;
ifatti baasees sin himadha.
22“Isin warri Waaqa irraanfattan waan kana hubadhaa;
yoo kanaa achii ani isin nan ciccira;
namni isin oolchu tokko iyyuu hin jiru.
23Namni aarsaa galataa dhiʼeessu ulfina naa kenna;
anis warra hirʼina hin qabnetti fayyisuu Waaqaa nan argisiisa.”
Copyright information for
GazHAHl