Psalms 51
Kadhannaa Dhiifama Cubbuu
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa kanas inni erga Batisheebaa bira gaʼee booddee yeroo Naataan raajichi gara isaa dhufetti faarfate. 1Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala keekan hin geeddaramne sanaatti na maari;
akkuma baayʼina araara keetiitti,
yakka koo narraa haqi.
2Yakka koo hundumaa narraa dhiqi;
cubbuu koo irraas na qulqulleessi.
3Ani yakka koo beekaatii;
cubbuun koos yeroo hunda fuula koo dura jira.
4Ani sitti, suma qofatti cubbuu hojjedheera;
waan fuula kee duratti hamaa taʼes hojjedheera;
kanaafuu ati murtii keetiin qajeelaa dha;
yommuu murtii kennituttis hin dogoggortu.
5Dhuguma iyyuu ani cubbuudhaanan dhaladhe;
yeroo haati koo na ulfooftee jalqabees cubbamaan ture.
6Ati keessa namaatti dhugaa hawwita;
kanaafuu keessa kootti ogummaa na barsiisi.
7Hiisophiidhaan cubbuu irraa na qulqulleessi; anis nan qulqullaaʼa;
na dhiqi; anis cabbii caalaatti nan addaadha.
8Gammachuu fi ilillee na dhageessisi;
lafeen ati caccabsites haa ililchu.
9Fuula kee cubbuu koo irraa deebifadhu;
yakka koo hundas narraa haqi.
10Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi;
Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.
11Fuula kee duraa na hin balleessin;
Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin.
12Gammachuu fayyina keetii naa deebisi;
na jiraachisuudhaafis hafuura sarmu naa kenni.
13Anis warra karaa kee irraa jalʼatan nan barsiisa;
cubbamoonnis gara kee ni deebiʼu.
14Yaa Waaqi, Waaqa na Fayyiftu,
ati dhiiga dhangalaasuu irraa na oolchi;
arrabni koos qajeelummaa kee ni faarfata.
15Yaa Gooftaa, hidhii koo naa bani;
afaan koos galata kee labsa.
16Ati aarsaatti hin gammaddu malee silaa nan dhiʼeessa ture;
aarsaa gubamuttis hin gammaddu.
17Aarsaan Waaqni fudhatu hafuura cabaa dha;
Yaa Waaqi, ati garaa cabaa fi kan gaabbu hin tuffatu.
18Jaalala keetiin Xiyooniif waan gaarii godhi;
dallaa Yerusaalem ijaari.
19Yoos ati aarsaa qajeelaatti, qalma gubamuu fi
qalma akkuma jirutti gubamutti ni gammadda;
korommiinis iddoo aarsaa kee irratti ni dhiʼeeffaman.
Copyright information for
GazHAHl