‏ Psalms 6

Kadhannaa Yeroo Dhiphinaa

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Baganaadhaan faarfatamu. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu.

1Yaa Waaqayyo aarii keetiin na hin hifatin;
yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.
2Naa gameeraatii yaa Waaqayyo naaf araarami;
lafeen koos jeeqameeraatii yaa Waaqayyo na fayyisi.
3Lubbuun koo akka malee jeeqameera;
kun hamma yoomiitti? Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti?

4Yaa Waaqayyo, deebiʼiitii lubbuu koo oolchi;
araara keetiif jedhiitii na fayyisi.
5Namni duʼe si hin yaadatu.
Siiʼool keessatti eenyutu si galateeffata?

6Ani aaduu kootiin bututeera.

Halkan hunda booʼichaan siree koo nan dhiqa;
imimmaaniinis iddoo ciisichaa koo nan tortorsa.
7Iji koo gaddaan fajajeera;
sababii diinota koo hundaatiifis dadhabeera.

8Warri hamaa hojjettan hundinuu narraa fagaadhaa;
Waaqayyo sagalee booʼicha koo dhagaʼeeraatii.
9 Waaqayyo waammata koo dhagaʼeera;
Waaqayyo kadhannaa koo ni fudhata.
10Diinonni koo hundinuu haa qaanaʼan; akka malees haa rifatan;
qaanii tasaatiinis of irra haa garagalan.
Copyright information for GazHAHl