Psalms 61
Faarfannaa Nama Boojiʼamee
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan miʼa ribuutiin faarfatame. 1Yaa Waaqi, iyyata koo dhagaʼi;kadhannaa koos dhaggeeffadhu.
2Yeroo garaan koo citetti,
ani handaara lafaatii sin waammadha;
ati gara kattaa na caalaa ol dheeratuutti na geessi.
3Ati iddoo ani itti kooluu galuudhaatii;
fuula diina koo durattis gamoo jabaa dha.
4Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu,
gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa.
5Yaa Waaqi, ati wareega koo dhageesseertaatii;
dhaala warri maqaa kee sodaatan argatanis naa kenniteerta.
6Bara jireenya mootii, umurii isaa illee
dhalootaa gara dhalootaatti dheeressi.
7Innis fuula Waaqaa duratti bara baraan haa moʼu;
akka jaalalli keetii fi amanamummaan kee isa eeganis godhi.
8Anis faarfannaa galataa maqaa keetiif nan faarfadha;
guyyuma guyyaanis wareega koo nan guuttadha.
Copyright information for
GazHAHl