‏ Psalms 62

Waaqa Qofa Abdachuu

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit.

1Lubbuun koo Waaqa qofa eeggatti;
fayyinni koos isa biraa naa dhufa.
2Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;
inni daʼoo koo ti; ani gonkumaa hin raafamu.

3Isin hamma yoomiitti nama miitu?
Hamma yoomiitti akka keenyan manaa kan duufeetti,
akka dallaa raafameettis lafaan isa dhaʼuu barbaaddu?
4Isaan aangoo isaa guddaa sana irraa,
guutummaatti gad isa deebisuu barbaadu;
isaan sobatti ni gammadu.
Afaan isaaniitiin ni eebbisu;
garaa isaaniitiin garuu ni abaaru.

5Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti;
abdiin koo isa biraa dhufaatii.
6Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;
inni daʼoo koo ti; ani hin raafamu.
7Fayyinni kootii fi ulfinni koo harka Waaqaa keessa jira;
kattaan koo jabaan, iddoon ani itti kooluu galu Waaqa.
8Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa;
garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa;
Waaqni iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.

9Gosa tuffatamaa irraa dhalachuun homaa miti;
gosa kabajamaa irraa dhalachuunis sobuma;
yoo madaaliidhaan madaalaman
lachanuu qilleensa caalaa salphatu.
10Waan saamichaan argattan hin amanatinaa;
waan hatameenis hin koorinaa.
Yoo qabeenyi keessan guddate illee,
qalbii keessan isa irra hin kaaʼatinaa.

11Waaqni yeroo tokko dubbate;
ani immoo yeroo lama nan dhagaʼe;
kunis akka humni kan Waaqaa taʼee dha.
12Yaa Gooftaa araarri kan kee ti.
Ati dhugumaan tokkoo tokkoo namaa
akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kennitaaf.
Copyright information for GazHAHl