‏ Psalms 66

Waaqa Galateeffachuu

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa.

1Isin lafti hundinuu ililleedhaan gara Waaqaatti iyyaa!
2Ulfina maqaa isaa faarfadhaa;
galata isaatiifis ulfina kennaa!
3Waaqaan akkana jedhaa;
“Hojiin kee akkam sodaachisaa dha!
Sababii humni kee guddaa taʼeef,
diinonni kee fuula kee duratti hollatu.
4Lafti hundinuu siif sagadu;
faarfannaa galataa siif faarfatu;
maqaa keetiifis faarfatu.”

5Kottaatii waan Waaqni hojjete,
hojii sodaachiisaa inni namaaf hojjete ilaalaa!
6Inni galaana lafa gogaatti geeddare;
isaanis miilla isaaniitiin laga ceʼan;
kottaa isatti haa gammannu!
7Inni bara baraan humna isaatiin bulcha;
iji isaas saboota ilaala;
finciltoonni ol ol of hin qabin.

8Yaa saboota, Waaqa keenya eebbisaa;
sagaleen isa galateeffatus haa dhagaʼamu;
9inni lubbuu keenya jiraachiseera;
miilla keenyas mucucaachuu oolcheera.
10Yaa Waaqayyo, ati nu qorteertaatii;
akkuma meetiis nu qulqulleessiteerta.
11Ati kiyyootti nu galchiteerta;
dugda keenya irras baʼaa keesseerta.
12Akka namoonni mataa keenya yaabbatan gooteerta;
nu ibiddaa fi bishaan keessa dabarre;
ati garuu iddoo badhaadhummaatti nu fidde.

13Anis qalma gubamu qabadhee

mana qulqullummaa kee nan seena;
wareega koos siif nan galcha;
14kunis wareega yeroo ani rakkina keessa turetti
arrabni koo waadaa galee afaan koos dubbatee dha.
15Anis horii coccoomoo, qalma gubamu,
korbeeyyii hoolaa immoo aarsaa godhee siif nan dhiʼeessa;
jibootaa fi reʼoota illee aarsaa siifin dhiʼeessa.
16Isin warri Waaqa sodaattan hundi kottaa dhaggeeffadhaa;
anis waan inni naaf godhe isinitti nan hima.
17Ani afaan kootiin isatti nan iyye;
galanni isaas arraba koo irra ture.
18Utuu ani garaa koo keessa cubbuu kaaʼadhee jiraadhee,
silaa Gooftaan naaf hin dhagaʼu ture;
19Waaqni garuu dhugumaan na dhaggeeffateera;
sagalee kadhannaa kootiis dhagaʼeera.
20Waaqni kadhannaa koo hin didin
yookaan jaalala isaa na hin dhowwatin haa eebbifamu!
Copyright information for GazHAHl