Psalms 71
Kadhannaa Jaarsaa
71:1‑3 kwf – Far 31:1‑4
1Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera;ati gonkumaa na hin qaanessin.
2Qajeelummaa keetiin na baasi; na oolchis;
gurra kee gara kootti qabi; na fayyisis.
3Ati kattaa ani kooluu itti galu,
iddoo ani yeroo hunda itti baqadhu naa taʼi;
ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef,
na baraaruuf ajaja kenni.
4Yaa Waaqa ko, harka nama hamaa,
qabaa nama jalʼaatii fi gara jabeessaa keessaa na baasi.
5Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati abdii kootii;
ijoollummaa kootii kaaftees ati Waaqa ani amanadhuu dha.
6Ani gaafan dhaladhee jalqabee sitti irkadheera;
gadameessa haadha koo keessaas situ na baase.
Ani yeroo hunda sin galateeffadha.
7Ani namoota baayʼeedhaaf mallattoo taʼeera;
ati garuu daʼoo koo isa jabaa dha.
8Afaan koo guyyaa guutuu,
galataa fi ulfina keetiin guutama.
9Yeroo ani dulloomutti ati na hin gatin;
yeroo humni koo dhumuttis na hin dhiisin.
10Diinonni koo natti mariʼatuutii;
warri na ajjeesuuf riphanii eeggatanis walii wajjin natti mariʼatu.
11Isaanis, “Waaqni isa dhiiseera;
namni isa oolchu tokko iyyuu hin jiruutii
faana buʼaatii qabaa” jedhu.
12Yaa Waaqi, narraa hin fagaatin;
yaa Waaqa ko, na gargaaruuf dafii kottu.
13Warri na himatan qaanaʼanii haa badan;
warri na miidhuu barbaadanis
tuffii fi salphina haa uffatan.
14Ani garuu yeroo hundumaa abdii qaba;
ittuma caalchisees sin galateeffadha.
15Ani yoo hammam akka inni gaʼu beekuu baadhe illee,
afaan koo waaʼee qajeelummaa keetiitii fi
waaʼee fayyisuu keetii guyyaa guutuu ni odeessa.
16Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani dhufee
hojii kee humna qabeessa sana nan odeessa;
ani qajeelummaa kee qofa labsa.
17Yaa Waaqi, ati ijoollummaa kootii jalqabdee na barsiifteerta;
anis hamma harʼaatti hojii kee dinqisiisaa sana nan labsa.
18Yaa Waaqayyo, yeroo ani dulloomee mataan koo arrii taʼutti illee,
hamma ani humna kee dhaloota kanatti,
jabina kees dhaloota dhufuuf jiru hundatti labsuutti,
ati na hin dhiisin.
19Yaa Waaqi, qajeelummaan kee samiiwwan bira gaʼa;
ati waan gurguddaa hojjetteerta;
yaa Waaqi, kan akka keetii eenyu?
20Ati rakkinaa fi dhiphina baayʼee na argisiifteerta;
taʼus jireenya koo deebiftee ni haaromsita,
qilee lafaa keessaas deebiftee ol na baafta.
21Ulfina koo ni guddifta;
amma illee na jajjabeessita.
22Yaa Waaqa ko, ani amanamummaa keetiif,
kiraaraan sin faarfadha;
Yaa Qulqullicha Israaʼel
ani kiraaraan faarfannaa galataa siif faarfadha.
23Yommuu ani faarfannaa galataa siif faarfadhutti, hidhiin koo,
lubbuun koo kan ati furtes guddisanii ni ililchu.
24Warri na miidhuu barbaadan,
waan qaanaʼanii burjaajaʼaniif
arrabni koo guyyaa guutuu
qajeelummaa kee odeessa.
Copyright information for
GazHAHl