‏ Psalms 76

Faarfannaa Waaqa Sodaatamuu Qabuuf Faarfatame

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa Ribuutiin. Faarfannaa Asaaf.

1Yihuudaa keessatti Waaqni beekamaa dha;
maqaan isaas Israaʼel keessatti guddaa dha.
2Dunkaanni isaa Saalem keessa,
iddoon jireenya isaa Xiyoon keessa jira.
3Innis achitti xiyya bobaʼuu fi gaachana, goraadee fi
meeshaawwan waraanaa caccabse.

4Ati ifa uffattee miidhagdeerta;
ati tulluuwwan bara baraa caalaa Surra qabeessa.
5Gootonni boojiʼamaniiru;
hirribaanis fudhatamaniiru;
duultota keessaas namni tokko iyyuu
harka sochoofachuu hin dandeenye.
6Yaa Waaqa Yaaqoob, ifannaa keetiin fardeenii
fi warri fardeen yaabbatan of wallaalaniiru.

7Siʼi qofatu sodaatamuu qaba.
Yommuu ati aartu eenyutu fuula kee dura dhaabachuu dandaʼaa?
8Ati samii irraa murtii kennite;
laftis ni sodaatte; ni calʼiftes;
9yaa Waaqi, wanni kunis yommuu ati murtii kennuudhaaf,
rakkattoota biyyattii fayyisuuf kaatetti taʼe.
10Dheekkamsi ati namatti dheekkamtu dhugumaan ulfina siif fida;
warra dheekkamsa kee irraa hafanis ni hidhatta.

11 Waaqayyo Waaqa keessaniif wareegaa; wareegichas guuttadhaa;
warri naannoo isaa jiraatan hundinuus
Waaqa sodaatamuu qabu sanaaf kennaawwan haa fidan.
12Inni hafuura bulchitootaa ni cabsa;
mootonni lafaas isa sodaatu.
Copyright information for GazHAHl