Psalms 77
Seenaa Israaʼel Yaaduu
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Asaaf. 1Ani gargaarsaaf gara Waaqaatti nan iyyadhe;ani akka Waaqni na dhagaʼuuf nan iyyadhe.
2Yeroo rakkina kootiitti Gooftaa nan barbaaddadhe;
halkanis utuu hin dadhabin harka koo nan diriirfadhe;
lubbuun koos jajjabaachuu didde.
3Yaa Waaqi, ani yommuun si yaadadhu nan aada;
ani irra deddeebiʼee nan yaade; hafuurri koos ni laafe.
4Ati akka iji koo hin dunuunfanne goote;
ani akka malee lubbamee dubbachuu iyyuu dadhabe.
5Ani waaʼee bara durii,
waaʼee waggoota durii duriis nan yaade;
6ani halkaniin faarfannaa koo nan yaadadhe.
Ani irra deddeebiʼee na yaade; hafuurri koos akkana jedhee qorate:
7“Gooftaan bara baraan nama gataa?
Inni deebiʼee garaa hin laafuu?
8Araarri isaa bara baraan badee?
Waadaan isaa bara baraan guutamuu dhabee?
9Waaqni arjoomuu irraanfateeraa?
Inni aariidhaan gara laafina isaa dhiiseeraa?”
10Anis, “Harki mirgaa kan Waaqa Waan Hundaa Olii
jijjiirameera jedhee yaaduun koo, dadhabbii koo ti” nan jedhe.
11Ani hojii Waaqayyoo nan yaadadha;
dhugumaan dinqii kee kan durii nan yaadadhaa.
12Ani waan ati hojjette hunda irra deddeebiʼee nan yaada;
waaʼee hojii keetii illee nan dubbadha.
13Yaa Waaqi, karaan kee qulqulluu dha.
Waaqni guddaan akka Waaqa keenyaa eessa jira?
14Ati Waaqa hojii dinqii hojjettuu dha;
saboota gidduuttis humna kee ni argisiifta.
15Irree kee cimaadhaan saba kee,
sanyii Yaaqoobii fi sanyii Yoosef furteerta.
16Yaa Waaqi, bishaanonni si argan;
bishaanonni si arganii sodaatan;
tuujubawwan ni hollatan.
17Duumessi bishaan gad dhangalaase;
samiiwwan ni qaqawweessaʼan;
xiyyi kees qixa hundaan balaqqise.
18Bakakkaan kee bubbee hamaa keessaa dhagaʼame;
balaqqeesi kee addunyaa ibse;
laftis hollattee sochoote.
19Daandiin kee galaana keessa,
karaan kee immoo bishaanota gurguddaa keessa baʼa;
garuu faanni kee hin argamne.
20Ati harka Museetii fi harka Arooniin,
saba kee akka bushaayeetti geggeessite.
Copyright information for
GazHAHl