Psalms 8
Ulfina Waaqayyoo
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Gitiitiidhaan faarfatamu. 1Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya,maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa!
Ati ulfina kee
samiiwwan irratti diriirsiteerta.
2Sababii diinota keetiitiif, amajaajii fi nama haaloo baafatu
afaan qabachiisuuf jettee, afaan daaʼimmaniitii fi
mucoolii harma hodhanii irraa galata qopheessiteerta.
3Yommuu ani hojii quba keetii,
samiiwwan kee,
jiʼaa fi urjiiwwan ati hundeessitee ilaalutti,
4akka ati isaaf yaadduuf namni maali?
Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?
5Ati xinnoo ishee ofii keetii gad isa goote;
ulfinaa fi kabajaan isa gonfite.
6Hojii harka keetii irratti bulchaa isa goote;
waan hundas miilla isaa jala galchite;
7bushaayee fi loon hunda,
bineensota bosonaas,
8simbirroota samii irraa, qurxummii galaanaa,
waan daandii galaanaatiin darbu
hundas miilla isaa jala galchite.
9Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya,
maqaan kee lafa hundumaa irratti akkam ulfina qabeessa!
Copyright information for
GazHAHl