Psalms 82
Abbootii Murtii Kanneen Murtii Jalʼisan
Faarfannaa Asaaf. 1Waaqni, waldaa waaqotaa gidduu dhaabata;“waaqota” gidduuttis murtii kenna; akkanas jedha:
2“Isin hamma yoomiitti seera jalʼiftu?
Hamma yoomiittis jalʼootaaf dhaabattu?
3Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa;
mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa.
4Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa;
harka jalʼootaatiis isaan baasaa.
5“Isaan homaa hin beekan; homaa illee hin hubatan.
Isaan dukkana keessa jiraatu;
hundeen lafaa hundinuu ni raafame.
6“Anis, ‘Isin, “waaqota;”
hundi keessan ilmaan Waaqa Waan Hundaa Olii ti’ jedheera.
7Taʼus isin akkuma namatti ni duutu;
akkuma bulchitoota kamii iyyuu ni kuftu.”
8Yaa Waaqi kaʼi; lafatti muri;
sabni hundinuu kan keetiitii.
Copyright information for
GazHAHl