Psalms 84
Faarfannaa Yeroo Mana Qulqullummaa Dhaqan Faarfatamu
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. 1Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu,iddoon ati jiraattu akkam namatti tola!
2Lubbuun koo oobdiiwwan Waaqayyoo hawwiti;
akka malees itti gaggabdi;
onneen koo fi foon koo
Waaqa jiraataadhaaf ililleedhaan ni faarfatu.
3Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu,
Mootii koo fi Waaqa ko,
iddoo aarsaa keetii biratti, dimbiitiin iddoo jireenyaa,
girrisnis ofii isheetiif manʼee cuucii ishee keessa kaaʼattu argatti.
4Warri mana kee keessa jiraatan eebbifamoo dha;
isaan yeroo hundumaa si jajatuutii.
5Warri sirraa jabina argatan,
kanneen garaa isaaniitiin karaa kee yaadan eebbifamoo dha.
6Isaan yommuu Sulula Baakaa keessa darbanitti,
iddoo sana lafa bishaan keessaa burqu godhatu;
bokkaan jalqabaas eebba itti dhangalaasa.
7Isaan hamma Xiyoon keessatti fuula Waaqaa duratti mulʼatanitti,
jabina irraa gara jabinaatti ni darbu.
8Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, kadhannaa koo dhagaʼi;
yaa Waaqa Yaaqoob na dhaggeeffadhu.
9Yaa Waaqayyo, gara gaachana keenyaa ilaali;
fuula dibamaa kee sanaas ilaali.
10Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra,
guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya;
dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra,
eegduu balbala mana Waaqa koo taʼuu naa wayya.
11 Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii;
Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna;
inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.
12Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu,
namni si amanatu eebbifamaa dha.
Copyright information for
GazHAHl