Psalms 86
Kadhannaa Yeroo Rakkinaa
Kadhannaa Daawit. 1Yaa Waaqayyo, waan ani hiyyeessaa fi rakkataa taʼeef,na dhagaʼiitii deebii naa kenni.
2Ani sitti of kenneeraatii lubbuu koo eegi.
Ati Waaqa koo ti;
garbicha kee kan si amanatu oolchi.
3Yaa Gooftaa na maari;
ani guyyaa guutuu sin waammadhaatii.
4Lubbuu garbicha keetii gammachiisi;
yaa Gooftaa, ani lubbuu koo gara keetti oli nan fuudhaatii.
5Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota;
warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha.
6Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi;
iyya waammata koos dhaggeeffadhu.
7Ani guyyaa rakkina kootiitti sin waammadha;
ati deebii naa kennitaatii.
8Yaa Gooftaa, waaqota keessaa kan akka keetii hin jiru;
hojiin hojii keetiin wal qixxaatu tokko iyyuu hin jiru.
9Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii,
fuula kee duratti ni sagadu;
maqaa keetiifis ulfina fidu.
10Ati guddaa fi kan hojii dinqisiisaa hojjettuu dha;
Waaqni suma qofa.
11Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi;
anis dhugaa keetiin nan bula;
akka ani maqaa kee sodaadhuuf,
garaa gargar hin qoodamne naa kenni.
12Yaa Waaqa koo Gooftaa, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;
maqaa kee illee bara baraan nan ulfeessa.
13Jaalalli ati naa qabdu guddaadhaatii;
lubbuu koo dhidhima siiʼool keessaa baafteerta.
14Yaa Waaqi, of tuultonni natti kaʼaniiru;
tuunni finciltootaa, namoonni si hin sodaanne
lubbuu koo galaafachuu barbaadu.
15Yaa Gooftaa, ati garuu Waaqa garaa laafessaa fi arjaa dha;
daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu.
16Gara kootti deebiʼiitii na maari;
jabina kee tajaajilaa keetii kenni;
ilma garbittii keetiis oolchi.
17Akka diinonni koo arganii qaanaʼaniif,
mallattoo gaarummaa keetii naa kenni;
yaa Waaqayyo, ati na gargaartee na jajjabeessiteertaatii.
Copyright information for
GazHAHl