‏ Psalms 87

Xiyoon, Haadha Sabootaa

Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.

1Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira.
2 Waaqayyo iddoo jireenya Yaaqoob hunda caalaa,
karrawwan Xiyoon jaallata.

3Yaa magaalaa Waaqaa,
waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama:
4“Ani Raʼaabii fi Baabilonin
warra na beekan gidduutti maqaa nan dhaʼa;
kunoo, Filisxeemii fi Xiiroos Itoophiyaa wajjin,
‘Namichi kun achitti dhalate’ jedhu.”
5Dhugumaan waaʼee Xiyoon,
“Inni kunii fi inni sun ishee keessatti dhalatan;
Waaqni Waan Hunda Olii mataan isaa iyyuu ishee dhaaba” jedhama.
6 Waaqayyo yeroo saboota galmeessutti,
“Namichi kun achitti dhalate” jedhee barreessa.

7Warri faarfatanii fi warri meeshaa muuziiqaa taphatan,
“Burqaan koo hundi si keessatti argama” jedhu.
Copyright information for GazHAHl