‏ Psalms 94

Waaqa Murtii Qajeelaa

1Yaa Waaqayyo, Waaqa haaloo baaftu,
Yaa Waaqa haaloo baaftu, ifii mulʼadhu.
2Yaa Abbaa Murtii lafa kanaa kaʼi;
of tuultotaaf illee waan isaanii malu kenni.
3Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti warri hamoon,
warri hamoon hamma yoomiitti burraaqu?

4Isaan dubbii of tuulummaa gad roobsu;
jalʼoonni hundinuu of dhiibuudhaan guutaman.
5Yaa Waaqayyo, isaan saba kee miidhu;
handhuuraa kees ni hacuucu.
6Haadha hiyyeessaatii fi keessummaa ni gorraʼu;
ijoollee abbaa hin qabnes ni ajjeesu.
7Isaan, “Waaqayyo hin argu;
Waaqni Yaaqoob hin qalbeeffatu” jedhu.

8Warri saba keessaa raatoftan mee hubadhaa;
isin warri gowwoonni yoom ogeeyyii taatu?
9Inni gurra uume sun hin dhagaʼuu?
Inni ija uume hin argu?
10Inni saboota sirreessu sun hin adabuu?
Inni nama barsiisu sun beekumsa hin qabuu?
11 Waaqayyo yaada namaa beeka;
akka yaadni namaa faayidaa hin qabnes ni beeka.

12Yaa Waaqayyo, namni ati adabdu,
namni ati seera kee irraa barsiiftu eebbifamaa dha;
13hamma hamootaaf boolli qotamutti,
guyyaa rakkinaatti ati boqonnaa kennitaaf.
14 Waaqayyo saba isaa hin gatuutii;
inni akkana illee jedhee handhuuraa ofii isaa hin dhiisu.
15Murtiin qajeelummaa irratti hundeeffama;
toloonni hundinuus isa faana buʼu.

16Eenyutu hamootatti naa kaʼa?
Eenyutu na cina dhaabatee warra jalʼina hojjetaniin morma?
17Utuu Waaqayyo na gargaaruu baatee,
silaa yoona lubbuun koo boolla duʼaa keessa jirti.
18Yaa Waaqayyo yeroo ani, “Miilli koo mucucaateera” jedhetti,
araarri kee ol qabee na dhaabe.
19Yommuu yaaddoon natti baayʼatetti,
jajjabeessuun kee lubbuu koo gammachiise.

20Bulchitoonni hamoon, warri seeratti fayyadamanii jalʼina hojjetan
si wajjin tokkummaa qabaachuu dandaʼuu?
21Isaan tokkummaadhaan nama qajeelaatti kaʼanii
nama yakka hin qabnetti duʼa muru.
22 Waaqayyo garuu daʼoo,
Waaqni koos, kattaa ani itti baqadhu naa taʼeera.
23Inni gatii cubbuu isaanii isaanumatti deebisa;
sababii hammina isaaniitiif illee isaan balleessa;
Waaqayyo Waaqni keenya isaan barbadeessa.
Copyright information for GazHAHl