Psalms 95
Faarfannaa Guyyaa Guyyaatti Faarfatamu
1Kottaa Waaqayyoof faarfannaa;Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa.
2Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu;
faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.
3 Waaqayyo Waaqa guddaadhaatii;
inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha.
4Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru;
fiixeewwan tulluus kan isaa ti.
5Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii;
lafa gogaa illee harka isaatu uume.
6Kottaa gad jennee sagadnaa;
Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa;
7inni Waaqa keenyaatii;
nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha;
bushaayee harka isaa keessa jiruudhas.
Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan,
8akka Mariibaatti gootan sana,
akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa mataa hin jabaatinaa;
9abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu,
achitti qoranii na ilaalan.
10Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame;
anis, “Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha;
isaan karaa koo hin beekne” nan jedheen.
11Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin,
“Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedhee kakadhe.
Copyright information for
GazHAHl