‏ Psalms 96

Waaqni Mootii Fi Abbaa Murtii ti

96:1‑13 kwf – 1Sn 16:23‑33

1Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa;
lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa.
2 Waaqayyoon faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa;
fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
3Ulfina isaa saboota gidduutti,
hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.

4 Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;
inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.
5Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii;
Waaqayyo garuu samiiwwan uume.
6Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;
jabinnii fi ulfinni iddoo qulqullummaa isaa keessa jiru.

7Yaa maatiiwwan sabootaa Waaqayyoof kennaa;
ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.
8Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa;
aarsaa fidaatii oobdii isaa seenaa.
9Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa;
isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.
10Saboota gidduutti, “Waaqayyo mootii dha” jedhaa;
addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu.
Inni qajeelummaadhaan sabootaaf murtii kenna.

11Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu;
galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu.
12Dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadan.
Mukkeen bosonaa hundinuus gammachuudhaan haa faarfatan.
13Uumamni hundi fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatu; inni ni dhufaatii;
inni lafatti murteessuuf ni dhufa.
Addunyaatti qajeelummaadhaan,
sabootatti immoo dhugaa isaatiin ni mura.
Copyright information for GazHAHl