Psalms 99
Waaqa Qajeelaa
1Waaqayyo moʼeera;saboonni haa hollatan;
inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa;
lafti haa raafamtu.
2 Waaqayyo Xiyoon keessatti guddaa dha;
inni saboota hunda irra ol ol jedheera.
3Isaan maqaa kee guddichaa fi sodaachisaa sana haa jajan;
inni qulqulluu dha.
4Mootichi humna qabeessa; inni murtii qajeelaa jaallata;
ati tola hundeessiteerta;
Yaaqoob keessattis haqaa fi
qajeelummaa hojjetteerta.
5 Waaqayyo Waaqa keenya leellisaa;
ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa;
inni qulqulluu dha.
6Musee fi Aroon luboota isaa keessa turan;
Saamuʼeelis warra maqaa isaa waammatan keessa ture;
isaan Waaqayyoon waammatan;
innis deebii kenneef.
7Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate;
isaanis sirna isaatii fi seera inni isaaniif kenne eegan.
8Yaa Waaqayyo Waaqa keenya,
ati deebii isaanii kennite;
ati balleessaa isaanii adabdu illee,
Israaʼeliif Waaqa dhiifama gootu turte.
9Waaqa keenya Waaqayyoon leellisaa;
tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa;
Waaqayyo Waaqni keenya Waaqa qulqulluudhaatii.
Copyright information for
GazHAHl