‏ Revelation of John 10

Ergamichaa fi Kitaaba Maramaa Xinnaa

1Anis utuu ergamaan Waaqaa inni jabaan biraa tokko samii irraa gad buʼuu nan arge. Innis duumessa uffatee ture; mataa isaa irraan immoo sabbata Waaqaatu ture; fuulli isaa akka aduu, miilli isaas akka utubaa ibiddaa ture. 2Innis kitaaba maramaa xinnaa baname tokko harkatti qabatee ture. Miilla isaa mirgaa galaana irra, miilla isaa bitaa immoo lafa irra dhaabee ture; 3innis akkuma leenca aaduutti sagalee guddaadhaan iyye. Yommuu inni iyyettis bakakkaawwan torban ni dubbatan. 4Yommuu bakakkaawwan torban dubbatanittis ani barreessuuf qophaaʼeen ture; garuu sagalee, “Waan bakakkaawwan torban jedhan sana chaappaan cufi malee hin barreessin” jedhu tokko samii irraa nan dhagaʼe.

5Ergamaan ani utuu inni galaanaa fi lafa irra dhaabatuu argee ture sunis harka isaa mirgaa samiitti ol qabe. 6Innis isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu, isa samiiwwanii fi waan isaan keessa jiru hundumaa, lafaa fi waan isa keessa jiru hundumaa, galaanaa fi waan isa keessa jiru hundumaa uume sanaan kakatee akkana jedhe; “Ammaan achi lafa irra harkisuun hin jiru! 7Garuu guyyoota ergamaan torbaffaan malakata isaa afuufutti icciitiin Waaqaa akkuma inni raajota warra hojjettoota isaa taʼanitti labse sanatti ni raawwatama.”

8Sagaleen ani samii irraa dhagaʼee ture sun ammas deebiʼee, “Dhaqiitii kitaaba maramaa banamee ergamaa galaanaa fi lafa irra dhaabatu harka jiru sana fudhadhu” naan jedhe.

9Kanaafuu ani gara ergamichaa dhaqee akka inni kitaaba maramaa xinnaa sana naa kennuuf isa gaafadhe. Innis, “Fudhadhuutii nyaadhu; kitaabni kun garaa kee ni hadheessa; ‘afaan kee keessatti garuu akka dammaa miʼaawa’ ” naan jedhe. 10Anis kitaaba maramaa xinnaa sana ergamicha harkaa fudhadhee nan nyaadhe. Innis afaan koo keessatti akkuma dammaa miʼaawe; erga ani nyaadhe garuu garaan koo ni hadheeffame. 11Ergasii immoo, “Ati waaʼee saba baayʼee, sanyii baayʼee, afaan baayʼeetii fi waaʼee mootota baayʼee ammas raajii dubbachuu qabda” jedhamee natti himame.
Copyright information for GazHAHl