‏ Revelation of John 16

Waciitiiwwan Dheekkamsa Waaqaa Torban

1Anis sagalee guddaa, ergamoota torbaniin, “Dhaqaatii, waciitiiwwan dheekkamsa Waaqaa torban keessaa lafa irratti dhangalaasaa” jedhu tokko mana qulqullummaa keessaa nan dhagaʼe.

2Ergamaan Waaqaa inni jalqabaa dhaqee waciitii isaa keessaa lafa irratti dhangalaase; namoota mallattoo bineensichaa of irraa qabanii fi fakkii isaatiif sagadanittis madaan hamaanii fi dhukkubsaan ni yaaʼe.

3Ergamaan lammaffaan waciitii isaa keessaa galaanatti dhangalaase; galaanichis dhiiga akka dhiiga nama duʼee taʼe; lubbuu qabeeyyiin galaana sana keessaa hundinuus ni duʼan.

4Ergamaan sadaffaan waciitii isaa keessaa lageenii fi burqaawwan bishaanii irratti dhangalaase; isaanis dhiiga taʼan. 5Ergamaan bishaanota irratti itti gaafatamummaa qabus utuu akkana jedhuu nan dhagaʼe: “Yaa Isa Qulqulluu, kan jirtu, kan turte,
sababii wantoota kanneen murteessiteef, ati qajeelaa dha;
6Waan isaan dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga raajotaa dhangalaasaniif,
ati immoo akka isaan dhuganiif dhiiga isaaniif kenniteerta;
kun isaaniif ni malaatii.”

7Anis utuu iddoon aarsaa, “Eeyyee yaa Waaqayyo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu,
murtiin kee dhugaa fi qajeelaa dha”

jedhuu nan dhagaʼe.

8Ergamaan afuraffaanis waciitii isaa keessaa aduu irratti dhangalaase; aduudhaafis akka isheen ibiddaan nama gubduuf humni ni kenname. 9Namoonnis hoʼa guddaa sanaan ni gubatan; maqaa Waaqa dhaʼicha kanneen irratti humna qabu sanaas ni abaaran; qalbii jijjiirrachuu fi ulfina isaaf kennuus ni didan.

10Ergamaan shanaffaanis waciitii isaa keessaa teessoo bineensichaa irratti dhangalaase; mootummaan bineensichaas dukkanaan liqimfame. Namoonnis dhiphachuudhaan arraba isaanii cicciniinan; 11sababii dhukkubbii fi madaa isaaniitiifis Waaqa samii ni abaaran; garuu hojii isaanii irraa qalbii hin jijjiirranne.

12Ergamaan jaʼaffaanis waciitii isaa keessaa Efraaxiis lagicha guddaa irratti dhangalaase; bishaan laga sanaas mootota Baʼa Biiftuutii dhufaniif akka karaan qopheeffamuuf ni goge. 13Ergasii afaan bineensa jawwee fakkaatu sanaa keessaa, afaan bineensichaa keessaa fi afaan raajii sobaa keessaa hafuuronni xuraaʼoon fattee fakkaatan sadii utuu baʼanuu nan arge. 14Isaanis hafuurota hafuura hamaa kanneen hojiiwwan dinqii hojjetanii dha; isaanis lola guyyaa guddichaa kan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaatiif walitti isaan qabuuf gara mootota addunyaa hundaatti kan baʼanii dha.

15 “Kunoo, ani akka hattuutti nan dhufa! Namni akka qullaa hin deemneef, akka qaaniin isaas hin mulʼanneef dammaqee uffata isaa eeggatu eebbifamaa dha.”

16Isaanis iddoo afaan Ibraayisxiitiin Armaageedon jedhamutti mootota sana walitti qaban.

17Ergamaan torbaffaanis waciitii isaa keessaa qilleensa keessatti dhangalaase; sagaleen guddaan, “Raawwatameera!” jedhu tokkos mana qulqullummaatii teessoo keessaa baʼe. 18Ergasiis balaqqeen, sagaleen, kakawweetii fi sochiin lafaa hamaan tokko ni taʼe. Sochiin lafaa kan akkanaas erga namni lafa irra jiraachuu jalqabee kaasee takkumaa taʼee hin beeku; sochiin lafaa sunis akka malee guddaa ture. 19Magaalattiin guddoon iddoo sadiitti gargar qoodamte; magaalaawwan sabootaas ni kufan. Waaqnis Baabilon Guddittii ni yaadate; xoofoo daadhii wayinii dheekkamsa isaa sodaachisaadhaan guutames ni kenneef. 20Biyyoonni bishaaniin marfaman hundinuu ni baqatan; tulluuwwanis argamuu hin dandeenye. 21Dhagaan cabbii gurguddaan tokkoon tokkoon isaa gara kiiloo giraamii afurtamii shanii ulfaatu samii irraa namoota irra bubbuʼe. Dhaʼichi sunis waan akka malee hamaa tureef namoonni sababii dhaʼicha cabbii sanaatiif Waaqa ni abaaran.
Copyright information for GazHAHl