‏ Revelation of John 17

Dubartittii Bineensicha Yaabbattu

1Ergamoota torban waciitiiwwan torba qaban keessaa inni tokko gara koo dhufee akkana naan jedhe; “Kottu! Adaba sagaagaltittii guddittii ishee bishaanota baayʼee irra teessu sana irratti raawwatamuuf jiru sittin argisiisaa. 2Mootonni lafaa ishee wajjin sagaagalaniiru; warri lafa irra jiraatanis daadhii wayinii sagaagala isheetiin machaaʼaniiru.”

3Ergamaan Waaqaa sunis Hafuura Qulqulluudhaan na fuudhee gammoojjiitti na geesse. Achittis dubartii bineensa bildiimaa maqaa arrabsootiin guutame tokko irra teessu nan arge; bineensichis mataa torbaa fi gaanfa kudhan qaba ture. 4Dubartittiinis uffata dhiilgee fi bildiimaa uffattee warqeen, dhagaa gatii guddaatii fi lulaan miidhagfamtee turte. Harka isheettis xoofoo warqee kan waan jibbisiisaa fi xuraaʼummaa sagaagala isheetiin guutame qabattee turte. 5Adda ishee irrattis maqaan icciitii kan akkana jedhu tokko barreeffamee ture: Baabilon Guddittii, Haadha Sagaagaltootaa fi, Haadha waan Jibbisiisaa Lafaa.

6Akka dubartittiin dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga warra Yesuusiif dhugaa baʼaniitiin machoofte nan arge.

Anis yommuu ishee argetti baayʼeen dinqifadhe.
7Ergamichis akkana naan jedhe; “Ati maaliif dinqifatta? Icciitii dubartittii fi icciitii bineensicha ishee baatu kan mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu sanaa sitti nan hima. 8Bineensi ati argite sun dur ture; amma garuu hin jiru; booddee garuu Boolla Qilee keessaa ol baʼee gara badiisa isaa ni dhaqa. Warri lafa irra jiraatan kanneen maqaan isaanii uumama addunyaatii jalqabee kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin yommuu bineensicha arganitti ni dinqisiifatu; sababiin isaas bineensichi dur ture; amma garuu hin jiru; booddee garuu ni dhufa.

9“Kunis sammuu ogummaa qabu gaafata. Mataawwan torban sunis tulluuwwan torban dubartittiin irra teessuu dha. 10Akkasumas mataawwan torban sun mootota torba. Isaan keessaas shan kufaniiru; inni tokko jira; inni kaan immoo amma illee hin dhufne; yommuu dhufutti garuu yeroo gabaabaaf turuu qaba. 11Bineensichi duraan turee amma immoo hin jirre sun mootii saddeettaffaa dha. Inni mootota torban keessaa tokkoo dha; gara badiisa isaas ni dhaqa.

12“Gaanfawwan kurnan ati argite sun mootota kurnan warra amma illee mootummaa hin argatinii dha; taʼus isaan bineensicha wajjin saʼaatii tokko akka moototaatti moʼuuf taayitaa ni fudhatu. 13Isaanis yaaduma tokko qabu; humna isaaniitii fi taayitaa isaaniis dabarsanii bineensichaaf ni kennu. 14Isaanis Hoolichatti lola ni kaasu; Hoolichi garuu waan Gooftaa gooftotaatii fi Mootii moototaa taʼeef isaan moʼata; warri isa wajjin jiranis warra isaaf waamaman, warra isaaf filatamanii fi warra isaaf amanamanii dha.”

15Ergamaan sunis akkana naan jedhe; “Bishaanonni ati argite kanneen sagaagaltittiin irra teessu sun saboota, namoota, sanyiiwwanii fi afaanota. 16Bineensichii fi gaanfawwan kurnan ati argite sun sagaagaltittii ni jibbu. Isaanis ishee onsanii qullaa ishee hambisu; foon ishee ni nyaatu; ibiddaanis ishee gubu. 17Isaanis hamma dubbiin Waaqaa fiixaan baʼutti walii galuudhaan taayitaa isaanii dabarsanii bineensichaaf kennuudhaan akka kaayyoo Waaqaa raawwataniif Waaqni yaada kana garaa isaanii keessa kaaʼeeraatii. 18Dubartittiin ati argite sun magaalattii guddoo mootota lafaa bulchituu dha.”
Copyright information for GazHAHl