Revelation of John 22
Eedin Lagni Jireenyaa Iddoo Isaatti Deebifamuu Isaa
1Ergamaan sunis laga bishaan jireenyaa, qulqulluu akka bilillee kan teessoo Waaqaatii fi Hoolichaa keessaa burqu tokko natti argisiise; 2bishaan sunis walakkaa daandii magaalattii irra yaaʼaa ture. Gamaa gamana lagichaa irras mukni jireenyaa ija gosa kudha lama naqatu dhaabatee ture; innis jiʼuma jiʼaan ija naqata ture. Baalli muka sanaas saboota fayyisa ture. 3Siʼachi abaarsi tokko iyyuu hin jiraatu. Teessoon Waaqaatii fi Hoolichaa magaalattii keessatti argama; garboonni isaas isa tajaajilu. 4Isaan fuula isaa ni argu; maqaan isaas adda isaanii irratti ni argama. 5Siʼachi halkan hin jiru. Ifni ibsaa yookaan ifni biiftuu isaan hin barbaachisu; Waaqni Gooftaan ifa isaaniif kennaatii. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼu.Yohannisii fi Ergamaa
6Ergamaan Waaqaa sunis, “Dubbiin kun amanamaa fi dhugaa dha. Gooftaan, Waaqni hafuurota raajotaa sun waan dafee taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf jedhee ergamaa isaa ergeera” naan jedhe.Yesuus Ni Dhufa
7 “Kunoo, ani dafee nan dhufa! Namni dubbii raajii kitaaba kana keessa jiruu eegu eebbifamaa dha.” 8Kan wantoota kanneen dhagaʼee fi arge ana Yohannis. Anis yommuu wantoota kanneen dhagaʼee argetti ergamaa wantoota kanneen natti argisiisaa ture sanaaf sagaduudhaaf miilla isaa irrattin kufe. 9Inni garuu, “Kana hin godhin! Anis garbicha siʼii fi obboloota kee raajota wajjin, akkasumas warra dubbii kitaaba kanaa eegan wajjin tajaajiluu dha. Waaqaaf sagadi!” naan jedhe. 10Inni akkana naan jedhe; “Sababii yeroon sun dhiʼaateef dubbii raajii kitaaba kanaa chaappaadhaan hin cufin. 11Jalʼaan jalʼina isaatti haa fufu; xuraaʼaan xuraaʼummaa isaatti haa fufu; qajeelaanis qajeelummaa isaatti haa fufu; qulqulluun immoo qulqullummaa isaatti haa fufu.”Waamichaa fi Akeekkachiisa Dhumaa
12 “Kunoo, ani dafee nan dhufa! Gatiin koo na bira jira; tokkoo tokkoo namaatiifis akkuma hojii isaatti nan kenna. 13Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa Duraatii fi isa Booddee ti; isa Jalqabaatii fi isa Dhumaatis. 14 “Warri akka muka jireenyaa irratti mirga qabaatanii fi akka karrawwaniin magaalattii seenaniif uffata isaanii miicatan eebbifamoo dha. 15Garuu saroonni, falfaltoonni, halaleewwan, warri nama ajjeesanii fi warri waaqota tolfamoo waaqeffatan akkasumas warri soba jaallatanii fi warri soba dubbatan hundinuu alatti hafu. 16 “Ani Yesuus, akka inni wantoota kanneen waldoota kiristaanaa keessatti dhugaa isinii baʼuuf ergamaa koo ergeera. Ani Hiddaa fi Sanyii Daawit, Bakkalcha Barii kan ifuu dha.” 17Hafuurichii fi misirrittiin, “Kottu!” jedhu; namni dhagaʼus, “Kottu!” haa jedhu; namni dheebote haa dhufu; kan barbaadu bishaan jireenyaa tola haa fudhatu. 18Nama dubbii raajii kitaaba kanaa dhagaʼu hunda nan akeekkachiisa: Yoo namni kam iyyuu dubbii kanatti waan tokko illee dabale, Waaqni dhaʼichawwan kitaaba kana keessatti ibsaman isatti dabala. 19Namni kam iyyuu yoo dubbii kitaaba raajii kana keessaa waan tokko illee hirʼise, Waaqni muka jireenyaatii fi magaalattii qulqulluu kitaaba kana keessatti ibsaman keessaa qooda isaa hirʼisa. 20Inni waan kana dhugaa baʼus, “Eeyyee, ani dafee nan dhufa” jedha. Ameen. Yaa Gooftaa Yesuus kottu. 21Ayyaanni Gooftaa Yesuus qulqulloota hundumaa wajjin haa taʼu. Ameen.
Copyright information for
GazHAHl