‏ Revelation of John 7

Namoonni 144,000 Chaappeffaman

1Ergasiis ani utuu ergamoonni afur golee lafaa afran irra dhaabatanii akka bubbeen lafatti yookaan galaanatti yookaan muka kamitti iyyuu hin bubbifne bubbee lafaa afran dhowwanuu nan arge. 2Ergamaan chaappaa Waaqa jiraataa qabu kaan immoo utuu karaa baʼa biiftuutiin ol baʼuu nan arge. Innis ergamoota afran akka isaan lafaa fi galaana miidhaniif humni kennameef sana sagalee guddaadhaan waamee, 3“Hamma nu adda tajaajiltoota Waaqa keenyaa irratti chaappaa goonutti lafa yookaan galaana yookaan muka hin miidhinaa” jedhe. 4Anis baayʼina warra chaappeffamanii dhagaʼe: gosa Israaʼel hunda keessaa 144,000 ture.

5Gosa Yihuudaa keessaa 12,000,
gosa Ruubeen keessaa 12,000,
gosa Gaad keessaa 12,000,
6gosa Aasheer keessaa 12,000,
gosa Niftaalem keessaa 12,000,
gosa Minaasee keessaa 12,000,
7gosa Simiʼoon keessaa 12,000,
gosa Lewwii keessaa 12,000,
gosa Yisaakor keessaa 12,000,
8gosa Zebuuloon keessaa 12,000,
gosa Yoosef keessaa 12,000,
gosa Beniyaam keessaa 12,000 turan.

Tuuta Namoota Uffata Adaadii Uffatanii

9Anis kana booddee nan ilaale; kunoo, tuunni guddaan namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenye kan saba hundumaa, gosa hundumaa, nama hundumaa fi afaan hundumaa keessaa walitti qabame tokko teessoo sana duraa fi fuula Hoolichaa dura dhaabatee ture. Isaanis uffata adaadii uffatanii, damee meexxiis harkatti qabatanii turan. 10Isaanis sagalee guddaadhaan, “Fayyinni kan Waaqa keenya
isa teessoo irra taaʼuutii fi
kan Hoolichaati”

jedhanii iyyan.
11Ergamoonni hundinuu teessichatti, maanguddootaa fi uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranitti naannaʼanii dhadhaabachaa turan. Isaanis adda isaaniitiin fuula teessoo sanaa duratti gombifamanii Waaqaaf sagadan; 12akkanas jedhan: “Ameen!
Eebbii fi ulfinni, ogummaan, galanni,
kabajni, humnii fi jabinni,
bara baraa hamma bara baraatti
Waaqa keenyaaf haa taʼu.
Ameen!”

13Maanguddoota keessaas inni tokko, “Warri uffata adaadii uffatan kunneen eenyu faʼi? Eessaa dhufan?” jedhee na gaafate.

14Anis, “Yaa Gooftaa, situ beeka” jedheen deebiseef.

Inni immoo akkana naan jedhe; “Isaan kunneen warra dhiphina guddaa keessaa baʼanii dhufanii dha; isaanis dhiiga Hoolichaatiin uffata isaanii miicatanii addeeffataniiru.
15Kanaafuu, “Isaan teessoo Waaqaa dura jiru;
halkanii guyyaas mana qulqullummaa isaa

keessatti isa tajaajilu;
inni teessicha irra taaʼee jiru sunis
isaan gidduu jiraata.
16‘Isaanis siʼachi gonkumaa hin beelaʼan;
siʼachis gonkumaa hin dheebotan.
Aduun isaan hin dhaʼu;’
hoʼi finiinaanis isaan hin gubu.
17Hoolichi walakkaa teessoo sanaa jiru
tiksee isaanii ni taʼaatii;
‘inni gara burqaa bishaan jireenyaatti isaan geessa.’
‘Waaqnis imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa.’ ”
Copyright information for GazHAHl