Revelation of John 9
Malakata Shanaffaa: Dhaʼicha Hawwaannisaa
1Ergamaan shanaffaan malakata isaa afuufe; anis urjii samii irraa lafa dhaʼe tokko nan arge. Urjii sanaafis furtuun “Boolla Qilee” ni kenname. 2Yommuu inni Boolla Qilee sana banettis aarri tokko akkuma aara boolla ibiddaa guddaa keessaa baʼuutti ol baʼe. Aduu fi samiinis aara Boolla Qilee keessaa baʼu sanaan ni dukkanaaʼan. 3Aara sana keessaas hawwaannisa baayʼeetu lafatti yaaʼe; hawwaannisoota sanaafis taayitaan akka taayitaa torbaanqabaa lafaa ni kenname. 4Isaanis akka marga lafaa yookaan biqiltuu yookaan muka tokko illee miidhan utuu hin taʼin akka namoota adda isaanii irraa chaappaa Waaqaa hin qabaatin qofa miidhan ajajaman. 5Isaanis akka namoota sana jiʼa shan dhiphisaniif eeyyamameef malee akka jara ajjeesaniif miti. Dhiphinni kunis akkuma dhiphina isa yommuu torbaanqabaan nama iddutti dhiphatanii ti. 6Guyyoota sana keessa namoonni duʼa barbaadu; garuu hin argatan. Duʼuus ni hawwu; duuti garuu isaan baqata. 7Bifti hawwaannisoota sanaas fardeen duulaaf qopheeffaman fakkaata ture. Mataa isaaniittis waan akka gonfoo warqee kaaʼatanii turan; fuulli isaaniis fuula namaa fakkaata ture. 8Rifeensi isaanii rifeensa mataa dubartootaa fakkaata ture; ilkaan isaaniis ilkaan leencaa fakkaata ture. 9Isaanis maddaa maddaa sibiilaa fakkaatu qabu turan; sagaleen qoochoo isaaniis sagalee fardeenii fi gaariiwwan baayʼee kanneen gara duulaatti didichanii fakkaata ture. 10Isaanis akkuma torbaanqabaa eegee fi ilkee qabu turan; eegee isaanii keessaa immoo taayitaa ittiin jiʼa shan nama dhiphisan qabu turan. 11Isaanis mootii qabu turan; innis ergamaa Boolla Qilee ti; maqaan isaas afaan Ibraayisxiitiin Abadoon, afaan Giriikiin immoo Aphooliyoon jedhama ture. 12Wayyoon inni duraa darbeera; kunoo, wayyoowwan biraa lamatu dhufuuf jira. 13Ergamaan jaʼaffaanis malakata isaa afuufe; anis gaanfa afran kanneen iddoo aarsaa warqee irraa hojjetamee fuula Waaqaa dura jiru irraa sagalee tokko nan dhagaʼe. 14Sagaleen sunis ergamaa jaʼaffaa malakata qabu sanaan, “Ergamoota afran kanneen laga Efraaxiisi guddicha biratti hidhaman sana gad dhiisi” jedhe. 15Ergamoonni afran saʼaatii kanaaf, guyyaa kanaaf, jiʼaa fi waggaa kanaaf qopheeffamanii turanis sanyii namaa harka sadii keessaa harka tokko fixuuf gad dhiifaman. 16Baayʼinni loltoota fardeeniin duulanii miliyoona dhibba lama ture. Anis baayʼina isaaniis nan dhagaʼe. 17Anis mulʼata koo keessatti fardeenii fi namoota farda yaabbatan nan arge: Isaanis maddaa diimaa akka ibiddaa, sanpeerii ▼▼Sanpeerii – Sanpeeriin dhagaa gatii guddaa gurraacha akka cuquliisaa ti.
fi keelloo akka dinyii ▼▼dinyii – dinyiin kemikaala keelloo fakkaatu kan hoʼa guddaadhaan gubamuu fi kan foolii namatti hin tolle qabuu dha.
qabu turan. Mataan fardeen sanaas mataa leencaa fakkaata ture; afaan isaanii keessaas ibidda, aaraa fi dinyiitu baʼe. 18Dhaʼicha sadan kanaan jechuunis ibidda, aaraa fi dinyii afaan isaaniitii baʼeen sanyiin namaa harka sadii keessaa harki tokko ni ajjeefame. 19Taayitaan fardeen sanaas afaan isaaniitii fi eegee isaanii keessa ture; eegeen isaanii akkuma bofaa mataa qaba tureetii; isaanis mataa sanaan nama miidhu turan. 20Namoonni dhaʼicha sanaan ajjeefamuu jalaa baʼanis amma iyyuu qalbii jijjiirratanii hojii harka isaanii irraa hin deebine; hafuurota hamoo waaqeffachuu fi waaqota tolfamoo warqee irraa, meetii irraa, naasii irraa, dhagaa fi muka irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan deemuu hin dandeenye waaqeffachuu hin dhiifne. 21Akkasumas gaabbanii nama ajjeesuu isaanii irraa yookaan falfala hojjechuu isaanii irraa yookaan halalummaa isaanii irraa yookaan hanna isaanii irraa hin deebine.
Copyright information for
GazHAHl