‏ Song of Solomon 1

1Weedduu Weeddotaa Solomoon. Ishee 2Inni dhungoo afaan isaatiin na haa dhungatu;
jaalalli kee daadhii wayinii caalaatii.
3Urgaan shittoo keetii namatti tola;
maqaan kee akkuma shittoo dhangalaafamee ti.
Kanaafuu dubarran si jaallatu!
4Na fudhadhuu deemi; si duukaa fiignaa!
Mootichi diinqa isaatti ol na galfate.
Michoota Nu sitti gammannee ililchina;
jaalala kees daadhii wayinii caalaa jajanna.
Ishee Si jaallachuun isaanii akkam sirrii dha!

5Intallan Yerusaalem,
ani akkuma dunkaana Qeedaar,
akkuma golgaa dunkaana Solomoonis gurraattii dha;
garuu bareedduu dha.
6Sababii ani gurraattii taʼeef, ija babaaftee na hin ilaalin;
aduutu na gurraachesseetii.
Ilmaan haadha koo natti aaranii
akka ani iddoo dhaabaa wayinii eegu na taasisan;
ani garuu iddoo dhaabaa wayinii koo hin eegganne.
7Yaa isa ani si jaalladhu,
iddoo bushaayee kee tikfattuu fi
iddoo itti guyyaa saafaa hoolota kee boqochiifattu natti himi.
Ani maaliifan akka dubartii fuula ishee haguugattee
bushaayee michoota keetii bira asii fi achi joortu tokkoo taʼa?
Michoota 8Yaa dubartii dubartoota hunda caalaa bareeddu,
ati yoo beekuu baatte hoolota duukaa buʼi;
ilmoolee reʼoota keetiis
dunkaana tiksootaa bira tikfadhu.
Isa 9Yaa jaalallee ko, ani akka farda dhalaa
fardeen gaarii Faraʼoon harkisan keessaa tokkootti sin ilaala.
10Maddiin kee amartii gurraatiin,
mormii kees dirata warqeetiin miidhagfameera.
11Nu warqee gurraa
meetiidhaan wal make siif tolchina.
Ishee 12Utuma mootichi maaddiitti dhiʼaatee jiruu
shittoon koo urgaa isaa kenne.
13Michuun koo anaaf korojoo qumbii ti;
inni guntuta koo gidduu boqota.
14Michuun koo anaaf hurbuu daraaraa heennaa
kan iddoo dhaabaa wayinii Een Gaadiitii dhufee dha.
Isa 15Yaa jaalallee ko, ati akkam bareedda!
Dinqii akkam bareedda!
Iji kee gugee fakkaata.
Ishee 16Yaa michuu ko, ati akkam miidhagda!
Dinqii akkam namatti tolta!
Margi lalisaan siree keenya.
Isa 17Dareersumaan mana keenyaa birbirsa;
dagaleen isaa immoo gaattiraa dha.
Copyright information for GazHAHl