Song of Solomon 3
1Ani halkan guutuu siree koo irra ciiseenama garaan koo jaallatu sana nan barbaade;
ani isa nan barbaade; garuu isa hin arganne.
2Ani amma kaʼeen magaalaa keessa,
daandiiwwanii fi oobdiiwwan irra nan deema;
nama garaan koo jaallatu sana nan barbaada.
Kanaafuu ani isa nan barbaade;
garuu isa hin arganne.
3Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan;
anis, “Michuu koo argitanii?”
jedheen isaan gaafadhe.
4Ani akkuman xinnoo isaan bira darbeen,
nama lubbuun koo jaallattu sana nan argadhe.
Anis isa nan qabadhe; hamman mana haadha kootti,
diinqa haadha koo ishee garaatti na baatte sanaatti
ol galchutti gad isa hin dhiisne.
5Yaa intallan Yerusaalem,
ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa;
hamma isheen ofumaan feetee kaatutti,
jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
6Isheen qumbii fi ixaana
urgooftuu daldaltootaa hunda irraa hojjetameen urgeeffamtee
akkuma utubaa aaraa
gammoojjii keessaa ol baatu kun eenyu?
7Kunoo! Siree Solomoon kan loltoota jaatama
warra Israaʼel keessaa bebeekamoo taʼaniin marfamteerti.
8Hundi isaanii goraadee hidhatu;
hundinuu muuxannoo waraanaa qabu;
tokkoon tokkoon isaanii goraadee isaanii
luqqeettuutti hidhatanii lola halkaniitiif qophaaʼan.
9Solomoon mootichi ofii isaatii gaarii tolfate;
innis muka Libaanoon irraa tolfate.
10Inni utubaa isaa meetiidhaan hojjete;
jala isaa garuu warqeedhaan hojjete.
Teessoon isaa kirrii diimaa dhiilgeedhaan hojjetame;
keessi isaas jaalala intallan Yerusaalemiitiin bareechamee hojjetame.
11Yaa intallan Xiyoon gad baʼaatii Solomoon Mooticha ilaalaa;
inni gonfoo haati isaa gaafa fuudha isaa,
guyyaa garaan isaa gammadetti,
mataa isaa irra keesseef sana kaaʼateera.
Copyright information for
GazHAHl