Song of Solomon 4
Isa 1Yaa bareedduu ko, ati akkam miidhagda!Dinqii ati akkam bareedda!
Iji kee haguuggii kee duubaan gugee fakkaata.
Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼootaa
kan gaara Giliʼaad irraa gad buʼuu ti.
2Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa kan rifeensi irraa haadamee
dhiqamee ol dhufaa jiruu ti.
Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu;
isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru.
3Hidhiin kee akkuma kirrii bildiimaa ti;
haasaan kee namatti tola.
Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti
roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata.
4Mormi kee gamoo Daawit
kan miʼa lolaa itti kuusuuf ijaarame sana fakkaata;
isa irratti gaachana kumatu rarraafama;
hundinuu gaachana loltootaa ti.
5Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee
kanneen lakkuu dhalatanii daraaraa keessa dheedanii ti.
6Hamma bariʼee gaaddisni baduutti,
ani gara tulluu qumbiitii fi gara gaara ixaanaa nan dhaqa.
7Yaa jaalallee ko, ati guutumaan guutuutti bareedduu dha;
ati mudaa tokko illee hin qabdu.
8Yaa misirrittii ko, Libaanoonii na wajjin kottu;
Libaanoonii na wajjin kottu.
Fiixee Amaanaa irraa,
fiixee Seniir, fiixee Hermoon irraa gad buʼi;
holqa leencaa keessaa,
tulluu oolmaa qeerransaa irraas gad buʼi.
9Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, ati qalbii koo hatteerta;
ati milʼuu ija keetii tokkoon,
faaya morma keetii tokkoon qalbii koo hatteerta.
10Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, jaalalli kee akkam nama gammachiisa!
Jaalalli kee daadhii wayinii caalaa, urgaan shittoo keetiis
urgooftuu kam iyyuu caalaa akkam namatti tola!
11Yaa misirrittii ko,
hidhiin kee akkuma dhaaba dammaa nadhii coccobsa;
aannanii fi dammi arraba kee jala jira.
Urgaan uffata keetii
akkuma urgaa Libaanoon.
12Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko,
ati akkuma iddoo biqiltuu cufamee ti;
ati burqaa dallaan itti ijaaramee fi madda chaappaan cufamee dha.
13Biqiltuun kee iddoo roomaanii
kan ija filatamaa heennaa fi naardoos qabuu dha;
14akkasumas naardoosii fi marga urgaaʼu,
qundhii fi qarafaa, muka ixaanaa gosa garaa garaa,
qumbii, argeessaa fi urgooftuu akka malee gaarii hunda qaba.
15Ati burqaa biqiltuu keessaa ti;
bishaan boollaa yaaʼu
kan Libaanoon irraa gad dhangalaʼuu dha.
Ishee 16Yaa bubbee kaabaa dammaqi;
bubbeen kibbaas kottu!
Akka urgaan isaa naannoo hunda waliin gaʼuuf
biqiltuu koo irratti bubbisi.
Michuun koo dhufee, biqiltuu seenee
ija filatamaa haa nyaatu.
Copyright information for
GazHAHl