‏ Song of Solomon 5

Isa 1Yaa obboleettii ko, misirrittii ko,

ani dhufee biqiltuu koo seeneera;
ani qumbii koo urgooftuu koo wajjin walitti qabadheera.
Ani dhaaba damma koo nadhii isaa wajjin nyaadheera;
daadhii wayinii koos aannan koo wajjin dhugeera.
Michoota Yaa michoota, nyaadhaa dhugaa;
jaalalas dhugaa quufaa.
Ishee 2Ani rafeera; garaan koo garuu dammaqeera.
Mee dhaggeeffadhaa! Michuun koo balbala rurrukutaa jiraatii;
inni akkana jedha; “Yaa obboleettii ko, miidhagduu ko,
gugee koo kan mudaa hin qabne, balbala naaf bani.
Mataan koo fixeensaan,
rifeensi koos jiidha halkaniitiin tortoreera.”
3Ani uffata koo of irraa baaseera;
akkamittan deebisee uffadha ree?
Miilla koo dhiqadheera;
akkamittan deebisee xureessa ree?
4Michuun koo qaawwa balbalaatiin harka galche;
lapheen koo isaaf ni dhaʼate.
5Ani michuu kootiif balbala banuuf nan kaʼe;
qabannoo balbalaa irrattis harka koo irraa qumbiin,
quba koo irraa immoo qumbiin dhangalaʼaan coccobe.
6Ani michuu kootiif balbala nan bane;
michuun koo garuu achi hin jiru; inni deemeera.
Deemuu isaattis garaan koo ni rifate.
Ani isa nan barbaade; garuu hin arganne.
Ani isa nan waame; inni garuu hin owwaanne.
7Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan.
Isaanis na reebanii na madeessan;
warri dallaa eegan sunis wayyaa koo narraa baafatan!
8Yaa intallan Yerusaalem,
isin michuun koo yoo argitan
jaalalaan dhukkubsachuu koo akka
isatti naaf himtan isinan kakachiisa.
Michoota 9Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu,
michuun kee maaliin warra kaan caala?
Ati kan akkas nu kakachiiftu,
michuun kee maaliin warra kaan caala?
Ishee 10Michuun koo diimaa cululuqaa dha;
inni namoota kuma kudhan keessaa ni mulʼata.
11Mataan isaa warqee akka malee qulqulluu dha;
rifeensi mataa isaa jigaa dha;
akkuma arraagessaas gurraacha.
12Iji isaa akkuma gugee burqaa bishaanii biraa
kan aannaniin dhiqamee akka faayaatti kaaʼatamuu dha.
13Maddiin isaa akkuma madabii biqiltuu urgooftuu kan shittoo baasuu ti.
Hidhiin isaa akkuma daraaraa qumbiin irraa coccobuu ti.
14Harki isaa ulee warqee
kan biiraleedhaan faayeffamee dha.
Dhagni isaa akkuma ilka arbaa
kan sanpeeriin miidhagfamee dha.
15Miilli isaa utubaa dhagaa adii
kan baattuu warqee qulqulluu irraa hojjetame irra dhaabamee dha.
Bifti isaa akkuma Libaanoon,
akkuma birbirsaa Libaanoon filatamaa dha.
16Dubbiin isaa waan hunda caalaa miʼaawaa dha;
inni guutumaan guutuutti namatti tola.
Yaa intallan Yerusaalem,
kun michuu koo ti; kun michuu koo ti.
Copyright information for GazHAHl