‏ Song of Solomon 6

Michoota 1Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu,
michuun kee eessa dhaqe?
Akka nu si wajjin barbaannuuf
michuun kee garamitti gore?
Ishee 2Michuun koo iddoo biqiltuu keessa
hoolota isaa tikfachuu fi
daraaraa walitti qabachuuf jedhee gara iddoo biqiltuu,
lafa madabiin biqiltuu urgooftuuwwanii jirutti gad buʼeera.
3Ani kan michuu koo ti; michuun koos kanuma koo ti;
inni daraaraa keessa dheechifata.
Isa 4Yaa jaalallee ko, ati akkuma Tiirzaa bareedduu dha;
akkuma Yerusaalem namatti tolta;
akkuma loltoota faajjii baataniis ulfina qabda.
5Ija kee narraa buqqisi;
inni na jeeqeeraatii.
Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼoota
Giliʼaad irraa gad buʼanii ti.
6Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa
kan dhiqamee ol dhufaa jiruu ti.
Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu;
isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru.
7Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti
roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata.
8Mootittiiwwan jaatamni,

saajjatoon saddeettamnii fi
dubarran lakkoobsa hin qabne qulqulluun

jiraachuu dandaʼu;
9gugeen koo kan mudaa tokko iyyuu hin qabne sun kan addaa ti;
isheen haadha isheetiif intala tokkittii dha;
haadha ishee deesseefis filatamtuu dha.
Dubarran ishee arganii ishee eebbisan;
mootittiiwwanii fi saajjatoowwanis ishee jajan.
Michoota 10Kan akka boruu baqaquutti mulʼattu,
kan akka jiʼaa bareeddu, kan akka biiftuu iftu,
kan akka urjiiwwan tooraan yaaʼanii ulfina qabdu kun eenyu?
Isa 11Anis daraaraa sulula keessatti dhiʼoo biqile arguuf,
akka wayiniin hudhaa baase
yookaan akka roomaaniin daraare ilaaluuf
gara lafa qotiisaa ocholooniitti gad nan buʼe.
12Utuu ani hin hubatin,
lubbuun koo gaarii mootii saba kootii keessa na teessiste.
Michoota 13Yaa Sulaamaaxittii deebiʼi; deebiʼi;
akka nu si ilaalluuf deebiʼi; deebiʼi!
Isa Isin akkuma nama sirba Mahanayiim ilaaluutti
maaliif Sulaamaaxittii ilaaltu?
Copyright information for GazHAHl