‏ Song of Solomon 7

1Yaa intala ilma mootii,
miilli kee kophee keessatti akkam bareeda!
Gudeedni kee miidhagaan sun dooqa gatii guddaa
kan ogeessi hojii harkaa tolche fakkaata.
2Handhuurri kee xoofoo geengoo
kan takkumaa daadhiin wayinii wal makaan keessaa

hin dhabamin fakkaata.
Mudhiin kee immoo tuullaa qamadii
kan daraaraadhaan marfame fakkaata.
3Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee
kanneen lakkuu dhalatanii ti.
4Mormi kee gamoo ilka arbaa fakkaata.
Iji kee haroo Heshboon
kan karra Baatrabii biraa fakkaata.
Funyaan kee gamoo Libaanoon
kan gara Damaasqoo gad ilaalu fakkaata.
5Mataan kee akkuma Tulluu Qarmeloos gonfoo siif taʼa.
Rifeensi mataa keetii afaa mana mootii fakkaata;
mootiin dheerina isaatiin qabamee boojiʼama.
6Yaa jaalallee ati gammachuu kee wajjin
akkam bareedda; akkamis namatti tolta!
7Dhaabni kee dhaaba meexxii fakkaata;
guntunni kees hurbuu ijaa fakkaata.
8Anis, “Muka meexxii kana nan yaabbadha;
ija isaa nan qabadha” nan jedhe.
Guntunni kee akkuma hurbuu wayinii,
urgaan hafuura keetii akkuma urgaa hudhaa ti;
9afaan kees akkuma daadhii wayinii kan akka malee gaarii taʼee ti.
Ishee Daadhiin wayinii suutumaan hidhii fi
ilkaan irra gad yaaʼee gara michuu koo haa dhaqu.
10Ani kan michuu koo ti;
hawwiin isaas anumaaf.
11Yaa michuu ko, kottu mee gara baadiyyaa haa deemnu;
gandoota achii keessa haa bullu.
12Akka mukni wayinii hudhaa baafate,
akka daraaraan ija banatee fi
akka roomaaniin daraare ilaaluuf ganama bariin kaanee
gara iddoo dhaabaa wayinii haa deemnu;
anis achitti jaalala koo siif nan kenna.
13Hudhaan urgaa isaa gad dhiisa;
yaa michuu ko, wanni ani siif kuuse,
haaraa fi moofaanis wanni filatamaan hundi
balbala keenya dura jira.
Copyright information for GazHAHl