Zechariah 8
Waaqayyo Yerusaalemin Eebbisuuf Waadaa Gale
1Dubbiin Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu ammas gara koo dhufe. 2 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani Xiyooniif hinaaffaa guddaa qaba; hinaaffaa isheetiin guggubachaan jira.” 3 Waaqayyo akkana jedha: “Ani Xiyoonitti deebiʼee Yerusaalem keessa nan jiraadha. Yerusaalemis Magaalaa Dhugaa jedhamti; tulluun Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuus Tulluu Qulqulluu jedhamee ni waamama.” 4 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ammas yeroo tokko jaarsolii fi jaartoliin daandii Yerusaalem irra ni tataaʼu; tokkoon tokkoon isaanii sababii dulluma isaaniitiif ulee harkatti qabatu. 5Daandiin magaalattii ijoollee dhiiraa fi durbaa kanneen achi taphataniin ni guutama.” 6 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yeroo sanatti wanni kun hambaa saba kanaatiif dinqii taʼu dandaʼa; anaaf garuu kun dinqii taʼuu dandaʼaa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. 7 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani biyyoota baʼa biiftuutii fi lixa biiftuu keessaa saba koo nan baasa. 8Ani akka isaan Yerusaalem keessa jiraataniif isaan nan deebisa; isaan saba koo ni taʼu; anis dhugaa fi qajeelummaadhaan Waaqa isaanii nan taʼa.” 9 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Isin warri amma dubbii raajonni yeroo hundeen mana Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu buufametti achi turan dubbatan kana dhageessan, akka manni qulqullummaa ijaaramuuf irreen keessan haa jabaatu. 10Yeroo sanaan dura mindaan tokko iyyuu namaaf yookaan horiif hin baafamu turre. Namni tokko iyyuu sababii diina isaatiif nagaadhaan hojii isaatiif baʼee hin galu ture; ani nama hunda walitti kaaseen tureetii. 11Garuu ani amma akkan duraan hojjedhe sana hambaa saba kanaatti hin hojjedhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. 12“Sanyiin akka gaarii biqila; mukni wayiniis ija naqata; lafti midhaan kenniti; samiiwwanis fixeensa isaanii coccobsu. Ani waan kana hunda dhaala godhee hambaa saba kanaatiif nan kenna. 13Yaa Yihuudaa fi Israaʼel akkuma isin saboota gidduutti waan abaarsaa turtan sana, ani isin baasee akka isin eebba taatan nan godha. Harki keessan haa jabaatuu malee hin sodaatinaa.” 14 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani akkuma gaafa abbootiin keessan na aarsanitti balaa isinitti fiduu yaadee isinii naʼuu dide sana” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu; 15“Kanaafuu ani amma Yerusaalemii fi Yihuudaaf waan gaarii hojjechuu murteesseera. Isin hin sodaatinaa. 16Wanni isin gochuu qabdan kana: Dhugaa walitti dubbadhaa; karra keessan duratti murtii dhugaa fi nagaa kennaa; 17ollaa keessanitti waan hamaa hin malinaa; sobaan kakachuu illee hin jaalatinaa. Ani waan kana hunda nan jibbaa” jedha Waaqayyo. 18Ammas dubbiin Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu gara koo dhufe. 19 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Soomni jiʼa afuraffaa, shanaffaa, torbaffaa fi kurnaffaa Yihuudaaf yeroo gammachuu fi ililchuu, akkasumas yeroo ayyaana gammachuu taʼa. Kanaafuu dhugaa fi nagaa jaalladhaa.” 20 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Uummanni hedduunii fi jiraattonni magaalaa hedduun ammas ni dhufu; 21jiraattonni magaalaa tokkoo gara magaalaa biraa dhaqanii, ‘Kottaa mee Waaqayyo kadhachuu fi Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu barbaadachuuf dafnee haa deemnu. Ani mataan koo iyyuu nan deema’ jedhu. 22Uummanni baayʼeenii fi saboonni humna qabeeyyiin Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu barbaadachuu fi isa kadhachuuf gara Yerusaalem ni dhufu.” 23 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Bara sana keessa afaanii fi saba hunda keessaa namoonni kudhan dhufanii handaara wandaboo namicha Yihuudii tokkoo qabatanii, ‘Nu akka Waaqni isin wajjin jiru waan dhageenyeef, si wajjin haa deemnu’ jedhuun.”
Copyright information for
GazHAHl