Zephaniah 1
1Dubbiin Waaqayyoo kan bara Yosiyaas ilmi Aamoon mootii Yihuudaa ture keessa gara Sefaaniyaa ilma Kuushii, ilma Gedaaliyaas, ilma Amariyaa, ilma Hisqiyaas dhufe kanaa dha:Akeekkachiisa Waaʼee Badiisa Dhufaa Jiruu
2“Ani fuula lafaa irraawaan hunda haxaaʼee nan balleessa”
jedha Waaqayyo.
3“Ani namaa fi horii haxaaʼee nan balleessa;
simbirroota samiitii fi qurxummii galaanaa,
waaqota tolfamoo namoota hamoo
gufachiisan haxaaʼee nan balleessa.”
“Ani sanyii namaa lafa irraa nan balleessa”
jedha Waaqayyo.
4“Ani Yihuudaa fi warra Yerusaalem keessa
jiraatan hundatti harka koo ol nan fudhadha.
Ani hambaa Baʼaal hundaa fi maqaa luboota waaqota tolfamoo waaqeffatanii
iddoo kanaa nan balleessa;
5warra raayyaa samii waaqeffachuuf
qinaaxxii manaa irratti sagadan,
warra sagadanii fi Waaqayyoon kakatan,
warra Moolekiinis kakatan,
6warra Waaqayyoon duukaa buʼuu dhiisanii duubatti deebiʼan,
warra Waaqayyoon hin barbaanne yookaan gorsa isaa hin gaafanne nan balleessa.”
7Guyyaan Waaqayyoo waan dhiʼaateef
fuula Waaqayyoo Gooftaa duratti calʼisaa.
Waaqayyo aarsaa tokko qopheesseera;
inni warra affeere qulqulleesseera.
8“Guyyaa aarsaa Waaqayyootti
ani qondaaltota ilmaan mootichaatii fi
warra wayyaa ormaa uffatan hunda nan adaba.
9Ani gaafas warra buusaa irra utaalan,
kanneen galma waaqota isaanii jeequmsaa fi
gowwoomsaadhaan guutan nan adaba.”
10 Waaqayyo akkana jedha;
“Gaafas Karra Qurxummii irraa iyya,
Waltajjii Lammaffaa irraa wawwaannaa,
gaarran irraa immoo
sagalee diigama guddaatu dhagaʼama.
11Isin warri Makteesh keessa jiraattan wawwaadhaa;
daldaltoonni keessan hundi lafa irraa haxaaʼamu;
warri meetii daldalan hundinuus ni barbadaaʼu.
12Ani yeroo sana Yerusaalemin ibsaadhaan nan sakattaʼa;
warra qananiidhaan jiraatan,
kanneen akka daadhii wayinii siicoo irratti hafee taʼan,
kanneen, ‘Waaqayyo waan tolaas taʼu waan hamaa
homaa hin godhu’ jedhanii yaadan nan adaba.
13Qabeenyi isaanii ni saamama;
manni isaanii ni ona.
Isaan mana ijaarratu;
garuu keessa hin jiraatan;
isaan biqiltuu wayinii ni dhaabbatu;
garuu daadhii wayinii hin dhugan.”
14Guyyaan Waaqayyoo guddichi dhiʼaateera;
dhiʼaatees dafee dhufaara.
Dhagaʼaa! Iyyi guyyaa Waaqayyoo hadhaaʼaa dha;
goonni achitti sagalee ol fudhatee iyya.
15Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa,
guyyaa dhiphinaa fi gaddaa,
guyyaa rakkinaa fi badiisaa,
guyyaa dukkanaa fi dimimmisaa,
guyyaa duumessaa fi dukkana hamaa ni taʼa;
16magaalaawwan dallaa jabaa qabanii fi
gamoowwan ol dhedheeroo irratti
guyyaa itti malakata afuufanii fi iyya waraanaa taʼa.
17“Sababii isaan Waaqayyootti cubbuu hojjetaniif,
ani akka isaan akkuma jaamotaatti deemaniif
uummatatti dhiphina nan fida.
Dhiigni isaanii akkuma awwaaraa,
miʼi garaa isaaniis akkuma kosii gatama.
18Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti
meetiin isaanii yookaan warqeen isaanii
isaan oolchuu hin dandaʼu.”
Ibidda hinaaffaa isaatiin
addunyaan hundi ni barbadoofti;
warra lafa irra jiraatan hundatti
inni badiisa tasaa ni fidaatii.
Copyright information for
GazHAHl