‏ 1 Chronicles 1:43-54

Bulchitoota Edoom

1:43‑54 kwf – Uma 36:31‑43

43Mootonni utuu mootiin Israaʼel tokko iyyuu hin moʼin dura Edoom keessatti moʼan kanneen turan: Belaa ilma Beʼoor kan magaalaan isaa Diinhaabaa jedhamee moggaafame sana.
44Belaa duunaan Yoobaab ilmi Zeraa namichi Bozraa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
45Yoobaab duunaan Hushaam namichi biyya Teemaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
46Hushaam duunaan Hadaad ilmi Bedad inni biyya Moʼaabitti Midiyaanin moʼate sun iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Maqaan magaalaa isaa Aawiit jedhame.
47Hadaad duunaan Samlaan namichi Masreeqaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
48Samlaan duunaan Shaawul namichi biyya Rehoobooti ishee laga bira jirtu sanaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
49Shaawul duunaan Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
50Baʼaal-Haanaan duunaan immoo Hadaad iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Magaalaan isaas Faaʼuu jedhame. Maqaan niitii isaa immoo Maheexabiʼeel jedhama ture; isheenis intala Maxreed, intala Mee-Zaahaab turte. 51Hadaadis ni duʼe.

Hangafoota saba Edoom: Tiimnaa, Aalwaa, Yeteeti,
52Oholiibaamaa, Eelaa, Phiinoon, 53Qenaz, Teemaan, Mibzaar, 54Magidiiʼeelii fi Iiraam.
Namoonni kunneen hangafoota Edoom turan.
Copyright information for GazHAHl