‏ 1 Chronicles 1:8-16

Kaamota

1:8‑16 kwf – Uma 10:6‑20

8Ilmaan Haam:
Kuushi, Misrayim, Fuuxii fi Kanaʼaan turan.
9Ilmaan Kuushi:
Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Raʼimaa fi Sabtekaa turan.
Ilmaan Raʼimaa:
Shebaa fi Dedaan turan.
10Kuushi abbaa Naamruud;
Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe.
11Misrayim immoo abbaa
Luudiimootaa, Anaamiimotaa, Lehaabiimotaa, Naftahiimootaa,
12Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti.
13Kanaʼaan abbaa
Siidoon ilma isaa hangaftichaa akkasumas kan Heetotaa,
14Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa, 15Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa, 16Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture.
Copyright information for GazHAHl