1 Chronicles 11:1-3
Daawit Mootii Israaʼel Taʼe
11:1‑3 kwf – 2Sm 5:1‑3
1Israaʼeloonni hundinuu Kebroonitti Daawit biratti walitti dhufanii akkana jedhan; “Nu foonii fi dhiiga kee ti. 2Duraan, yeroo Saaʼol mootii turetti iyyuu namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture. Waaqayyoo Waaqni kees, ‘Situ saba koo Israaʼelin tiksa; bulchaa isaaniis ni taata’ siin jedhee ture.” 3Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit Mooticha bira dhufanitti, inni Kebroonitti fuula Waaqayyoo duratti isaan wajjin kakuu gale. Isaanis akkuma Waaqayyo karaa Saamuʼeeliin abdachiise sanatti dibanii Israaʼel irratti mootii isa godhan.
Copyright information for
GazHAHl