1 Chronicles 11:10-41
Namoota Daawit Jajjabeeyyii
11:10‑41 kwf – 2Sm 23:8‑39
10Namoota Daawit warra jajjaboo keessaa hangafoonni kanneenii dha; isaanis akkuma Waaqayyo waaʼee Israaʼel dubbate sanatti mootii isa gochuuf jedhanii saba Israaʼel hunda wajjin mootummaa isaa keessatti gargaarsa guddaa godhaniif. 11Maqaan namoota Daawit warra jajjaboo kanaa dha: Yaashobiʼaam namichi gosa Hakmooni hangafa ajajjoota sanaa ture; innis lola tokko irratti eeboo mirmirsee namoota dhibba sadii fixe. 12Kan isatti aanu immoo Eleʼaazaar namicha gosa Ahooʼaa, ilma Doodoo ture; innis namoota jajjaboo sadan sana keessaa tokko ture. 13Eleʼaazaar yeroo Filisxeemonni waraanaaf walitti qabamanii turanitti Daawit wajjin Phaas Damiim ture. Loltoonnis lafa qotiisaa kan garbuudhaan guutame tokko biratti Filisxeemota duraa baqatan. 14Innii fi Daawit garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatan. Isaanis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixan; Waaqayyos moʼannaa guddaa isaaniif kenne. 15Utuma gareen Filisxeemotaa Sulula Refaayim keessa qubatee jiruu hangafoota soddomman sana keessaa namoonni sadii gara kattaa holqa Adulaamitti gara Daawit gad buʼan. 16Yeroo sanatti Daawit daʼannoo cimaa keessa ture; loltoonni Filisxeem immoo Beetlihem turan. 17Daawitis dheebotee, “Utuu namni tokko boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan dhugaatii naa fidee hoo!” jedhe. 18Kanaafuu namoonni Sadan sun qubata Filisxeemotaa keessaan darbanii boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan. Inni garuu dhuguu ni dide; qooda kanaa bishaan sana fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase. 19Innis, “Akka ani waan kana hin goone Waaqni narraa haa fageessu! Ani dhiiga namoota lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqan kanaa nan dhugaa?” jedhe. Sababii isaan lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqanii fidaniif Daawit bishaan sana hin dhugne. Egaa wanni namoonni jajjaboon sadan sun hojjetan kana ture. 20Abiishaayi obboleessi Yooʼaab hoogganaa Sadan isaanii ture. Innis namoota dhibba sadiitti eeboo isaa ol kaafatee isaan fixe; akkasiin innis akkuma namoota Sadan sanaa beekamaa taʼe. 21Inni yoo isaan keessaa tokko taʼuu baate iyyuu warra Sadan caalaa ulfina argatee ajajaa isaanii taʼe. 22Benaayaa ilmi Yehooyaadaa loltuun cimaan biyya Qabziʼeel sunis loltuu moʼannaa gurguddaa argamsiise ture. Innis loltoota Moʼaab kanneen akka malee jajjaboo taʼan lama ajjeese. Gaafa cabbiin roobe tokkos boolla keessa seenee leenca ajjeese. 23Namicha biyya Gibxi kan dhundhuma shan dheeratu tokko illee ni ajjeese. Namichi Gibxi sun eeboo akka danqaraa wayya dhooftuu harkaa qabaatu iyyuu Benaayaa bokkuudhaan isatti baʼe. Innis harka namicha Gibxi sanaatii eeboo butatee eeboodhuma isaatiin isa ajjeese. 24Hojiiwwan gootummaa kanneen Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hojjete kana faʼi; innis akkuma namoota jajjaboo sadan sanaa nama beekamaa ture. 25Inni namoota Soddomman sana keessaa nama kam iyyuu caalaa ulfina guddaa argate; garuu namoota Sadan sanatti hin dabalamne. Daawitis ajajaa eegdota ofii isaa isa godhate. 26Namoonni jajjaboon sunis kanneenii dha: Asaaheel obboleessa Yooʼaab,Elhaanaan namicha Beetlihem ilma Doodoo,
27Shamoot namicha gosa Haroor,
Heleez namicha gosa Pheloonaa,
28Iiraa ilma Iqeesh nama Teqooʼaa,
Abiiʼezer nama Anaatoot,
29Siibekaay nama biyya Hushaa,
Iilaayi nama Ahooʼaa,
30Maharaayi nama Netoofaa,
Heeled ilma Baʼanaa nama Netoofaa,
31gosa Beniyaam keessaa
Iitaayi ilma Riibaay, namicha Gibeʼaa,
Benaayaa nama Phiraatoon,
32Huuraayi namicha sululoota Gaʼaash,
Abiiʼeel namicha biyya Arbaa,
33Azmaawet namicha Baharuum,
Eliiyaabaa namicha Shaʼalboon,
34ilmaan Haasheem namicha Gizoon,
Yoonaataan ilma Shaagee namicha Haraaraa,
35Ahiiʼaam ilma Saakaar namicha Haraaraa,
Eliifaal ilma Uuri,
36Heefer namicha Mekeeraataa,
Ahiiyaa namicha Pheloonaa,
37Hezroo nama Qarmeloos,
Naʼaraayi ilma Ezbayi,
38Yooʼeel obboleessa Naataanii,
Mibehaar ilma Hagrii,
39Zeleq namicha gosa Amoon,
Nahaaraay namicha Biʼeeroot kan Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif miʼa lolaa baatu sana,
40Iiraas namicha gosa Yitraa,
Gaareeb namicha gosa Yitraa,
41Uuriyaa namicha Heet,
Zaabaad ilma Ahilayi,
Copyright information for
GazHAHl