‏ 1 Chronicles 14:1-7

Mana Daawitii fi Maatii Isaa

14:1‑7 kwf – 2Sm 5:11‑16; 1Sn 3:5‑8

1Yeroo kanatti Huuraam mootiin Xiiroos akka isaan Daawitiif masaraa mootummaa ijaaraniif ergamoota wajjin muka birbirsaa, warra dhagaa soofanii fi warra ogummaa hojii mukaa qaban gara Daawititti erge. 2Daawitis akka Waaqayyo saba Israaʼel irratti mootii godhee jabeessee isa dhaabee fi akka mootummaan isaas sababii saba Israaʼeliif akka malee guddate ni beeke.

3Daawitis Yerusaalem keessatti niitota dabalee fuudhee ilmaanii fi intallan dabalataa dhalche. 4Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis: Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Solomoon, 5Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi, 6Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa, 7Eliishaamaa, Beeliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu.
Copyright information for GazHAHl