‏ 1 Chronicles 29:21-25

Solomoon Mootii Taʼuun Isaa Beekame

29:21‑25 kwf – 1Mt 1:28‑53

21Isaanis guyyaa itti aanutti Waaqayyoof qalma qalanii aarsaa gubamu dhiʼeessan; aarsaan maqaa Israaʼelootaatiin dhiʼaates: korommii loonii kuma tokko, korbeeyyii hoolaa kuma tokko, korbeeyyii hoolaa xixinnaa kuma tokko, dhibaayyuu fi aarsaawwan biraa baayʼee dha. 22Isaanis gaafa sana fuula Waaqayyoo duratti gammachuu guddaadhaan nyaatanii dhugan.

Ergasii immoo Solomoon ilma Daawit mootii godhanii akka inni bulchaa taʼuuf fuula Waaqayyoo duratti yeroo lammaffaa diban; Zaadoqiin immoo luba godhan.
23Kanaafuu Solomoon iddoo abbaa isaa Daawit mootii taʼee teessoo Waaqayyoo irra taaʼe. Ni milkaaʼes; Israaʼeloonni hundis isaaf ajajaman. 24Ajajjoonni waraanaatii fi namoonni jajjaboon hundi akkasumas ilmaan Daawit mootichaa hundi amanamummaa isaanii Solomoon Mootichaaf mirkaneessan.

25 Waaqayyos Israaʼeloota duratti Solomoonin ol ol kaase; ulfina mootummaa kan mootonni isa dura turan tokko iyyuu Israaʼel keessatti hin qabaatin ni kenneef.
Copyright information for GazHAHl