‏ 1 Chronicles 3:10-17

Mootota Yihuudaa

10Ilmi Solomoon Rehooboʼaam;
ilmi Rehooboʼaam Abiyaa dha;
ilmi Abiyaa Aasaa dha;
ilmi Aasaa Yehooshaafaax;
11ilmi Yehooshaafaax Yehooraam;
ilmi Yooraam Ahaaziyaa;
ilmi Ahaaziyaa Yooʼaash;
12ilmi Yooʼaash Amasiyaa;
ilmi Amasiyaa Azaariyaa;
ilmi Azaariyaa Yootaam;
13ilmi Yootaam Aahaaz;
ilmi Aahaaz Hisqiyaas;
ilmi Hisqiyaas Minaasee dha;
14ilmi Minaasee Aamoon;
ilmi isaa immoo Yosiyaas.
15Ilmaan Yosiyaas:
Inni hangafni Yoohaanaan,
lammaffaan Yehooyaaqiim,
sadaffaan Zedeqiyaa,
afuraffaan immoo Shaluum.
16Ilmaan Yehooyaaqiim:
Ilma isaa Yehooyaakiinii fi
ilma isaa Zedeqiyaa.

Hidda Dhaloota Moototaa Kan Boojuu booddee ture

17Ilmaan Yehooyaakiin isa boojiʼame sanaa:
Ilma isaa Sheʼaltiiʼeel,
Copyright information for GazHAHl