‏ 1 Chronicles 6:54-80

54Sababii ixaan jalqabaa isaaniif baʼeef iddoowwan kunneen Aroonii fi ilmaan isaa kanneen balbala Qohaati keessaa dhufaniif ni kennaman; iddoowwan qubata isaanii kanneen akka biyya isaanii taʼaniif isaaniif ramadamanii dha: 55Kebroon isheen biyya Yihuudaa keessaatii fi lafti dheedaa kan naannoo isheetti argamtu isaaniif ni kennaman. 56Lafti qotiisaatii fi gandoonni naannoo Kebrooniitti argaman garuu Kaaleb ilma Yefuneetiif ni kennaman. 57Ilmaan Arooniif immoo magaalaawwan itti baqatan Kebroon, Libnaa, Yatiir, Eshtimoʼaa, 58Hiileen, Debiir, 59Ashaan, Yootaa fi Beet Shemeshitu lafa dheeda isaanii wajjin kenname.
60Qooda gosa Beniyaam keessaa immoo Gibeʼoon, Gebaa, Alemetii fi Anaatootittu lafa dheeda isaanii wajjin ni kennameef.
Magaalaawwan balbalawwan Qohaatotaatiif kennaman kunneen walumaa galatti kudha sadii turan.

61Ilmaan Qohaati kanneen hafaniif immoo balbala walakkaa gosa Minaasee irraa magaalaawwan kudhanitu ixaadhaan kennameef.
62Ilmaan Geershoomiitiif immoo qooda Yisaakor irraa, qooda Aasheer irraa, qooda Niftaalemiitii fi qooda Minaasee kan Baashaanitti argamu irraa magaalaawwan kudha sadii akkuma gosa gosa isaaniitti kennaman.
63Ilmaan Meraariitiif qooda gosa Ruubeen irraa, qooda gosa Gaadiitii fi qooda gosa Zebuuloon irraa magaalaawwan kudha lama akkuma balbala balbala isaaniitti ni kennaman.

64Akkasiin Israaʼeloonni magaalaawwan kanneen lafa dheeda isaanii wajjin Lewwotaaf ni kennan.

65Gosa Yihuudaa irraa, gosa Simiʼooniitii fi gosa Beniyaam irraa magaalaawwan maqaan isaanii armaan olitti dhaʼame sana ixaadhaan ni kennaniif.

66Maatiiwwan Qohaati tokko tokkos qooda gosa Efreem keessaa magaalaawwan jireenyaa argatanii turan. 67Biyya gaaraa Efreem keessatti magaalaawwan itti baqatan Sheekem, Geezir, 68Yoqemiʼaam, Beet Horoon, 69Ayaaloonii fi Gat Rimoon lafa dheeda isaanii wajjin kennaniif.
70Akkasumas Israaʼeloonni walakkaa qooda gosa Minaasee irraa Aanerii fi Bileʼaam lafa dheeda isaanii wajjin balbalawwan Qohaati kanneen hafaniif ni kennan.

71Ilmaan Geershoom immoo: Balbala walakkaa gosa Minaasee irraa Goolaan ishee Baashaan keessaa sanaa fi Ashtaaroti lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan;
72gosa Yisaakor irraa
Qaadesh, Daaberaati,
73Raamootii fi Aanem lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan;
74gosa Aasheer irraa Maashaal, Abdoon, 75Huuqooqii fi Rehoob lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan;
76gosa Niftaalem irraa immoo Qaadesh ishee Galiilaatti argamtu, Hamoonii fi Kiriyaataayimin lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan.

77Namoonni gosa Meraarii jechuunis warri Lewwotaa kanneen hafan qooda kanaa gadii argatan: Gosa Zebuuloon irraa Yooqniʼaam, Qartaa, Rimoonii fi Taaboorin lafa dheeda isaanii wajjin argatan;
78gosa Ruubeen kan baʼa Yerikootti Yordaanosiin gama jiru irraa Bezer ishee gammoojjii keessatti argamtu, Yaahizaa, 79Qidemootii fi Meefiʼaati lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan.
80Gosa Gaad irraa Raamooti ishee Giliʼaad keessaa, Mahanayiim,
Copyright information for GazHAHl