1 Chronicles 8:28-38
28Isaan kunneen hundi akkuma hidda dhaloota isaanii keessatti galmeeffametti abbootii maatiitii fi hangafoota turan; isaanis Yerusaalem keessa jiraatu ture. 29Yeʼiiʼeel abbaan Gibeʼoonis Gibeʼoon keessa jiraata ture;maqaan niitii isaa Maʼakaa dha. 30Ilmi isaa hangafni Abdoon jedhama; kanneen isa booddee dhalatan immoo Zuuri, Qiish, Baʼaal, Neer, Naadaab, 31Gedoor, Ahiiyoo, Zekeerii fi 32Miiqlooti abbaa Shimeʼaa turan; isaanis firoota isaanii wajjin Yerusaalem keessa jiraatan.
33Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saaʼolii ti; Saaʼol immoo abbaa Yoonaataan, Malkii-Shuwaa, Abiinaadaabiitii fi Eshbaʼalii ti.
34Ilmi Yoonaataan:
Meriibaʼaal abbaa Miikaa ti.
35Ilmaan Miikaa:
Phiitoon, Meleek, Taareʼaa fi Aahaaz.
36Aahaaz abbaa Yihoʼaadaa ti; Yihooʼadaan abbaa Aalemeti, Azmaawetiitii fi Zimrii ti; Zimriin immoo abbaa Moozaa ti. 37Moozaan abbaa Biineʼaa ti; Raafaan ilma isaa ti; Eleʼaasaan ilma isaa ti; Aazeelis ilma isaa ti.
38Aazeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis:
Azriiqaam, Bookeruu, Ishmaaʼeel, Sheʼariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kunneen hundi ilmaan Aazeelii ti.
Copyright information for
GazHAHl