1 Chronicles 9:1-17
1Israaʼeloonni hundinuu akkuma hidda dhaloota isaaniitti kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffaman.Saba Yerusaalem
9:1‑17 kwf – Nah 11:3‑19
Sabni Yihuudaa sababii cubbuu isaatiif boojiʼamee Baabilonitti geeffame. 2Warri jalqabatti deebiʼanii lafaa fi magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan Israaʼeloota tokko tokko, luboota, Lewwotaa fi tajaajiltoota mana qulqullummaa ti. 3Saboonni Yihuudaa, kan Beniyaamii, kan Efreemii fi kan Minaasee warri Yerusaalem keessa jiraachaa turan: 4Uutaayi ilma Amiihuud, ilma Omrii, ilma Imrii, ilma Baanii ilmaan Faares ilma Yihuudaa.5Shelaanota keessaa:
Asaayaa ilma isaa hangaftichaa fi ilmaan isaa.
6Zaaraahota keessaa:
Yeʼuuʼeel.
Saboonni Yihuudaa nama 690 turan. 7Beniyaamota keessaa: Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Hoodayiwaa, ilma Hasenuuʼaa;
8Bineeyaa ilma Yirooham;
Eelaa ilma Uzii, ilma Mikrii;
Meshulaam ilma Shefaaxiyaa, ilmaa Reʼuuʼeel, ilma Yibniyaa.
9Sabni Beniyaam akka galmee hidda dhaloota isaanii irratti galmeeffametti nama 956 ture. Namoonni kunneen hundi hangafoota maatii isaanii turan. 10Luboota keessaa: Yedaaʼiyaa; Yehooyaariib; Yaakiin;
11Azaariyaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub qondaalticha itti gaafatamaa mana Waaqaa taʼe sanaa.
12Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaa; Maʼasaayi ilma Aadiiʼeel, ilma Yahizeeraa, ilma Meshulaam, ilma Meshileemiit, ilma Imeer.
13Baayʼinni luboota abbootii maatii turaniis 1,760 ture. Isaan kunneen namoota dandeettii qaban kanneen tajaajila mana Waaqaa keessatti itti gaafatamtoota taʼanii dha. 14Lewwota keessaa: Shemaaʼiyaa ilma Hashuubii, ilma Azriiqaamii, ilma Hashabiyaa namicha gosa Meraarii sanaa;
15Baqbaqar, Hereesh, Gaalaalii fi Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zikrii, ilma Asaafi;
16Obaadiyaa ilma Shemaaʼiyaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun;
Berekiyaa ilma Aasaa, ilma Elqaanaa kan gandoota Netoofotaa keessa jiraachaa ture sana.
17Eegdota balbalaa: Shaluum, Aquub, Talmoon, Ahiimanii fi obboloota isaanii; Shaluum hangafa gosa isaanii ture;
Copyright information for
GazHAHl