1 Chronicles 9:34-44
34Isaan kunneen hundinuu abbootii maatiiwwan Lewwotaa hangafoota gosaa kanneen akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffamanii dha; isaanis Yerusaalem keessa jiraatan.Hidda dhaloota Saaʼol
9:34‑44 kwf – 1Sn 8:28‑38
35Yeʼiiʼeel abbaan Gibeʼoonis Gibeʼoon keessa jiraata ture.Maqaan niitii isaa Maʼakaa dha; 36ilmi isaa hangafni Abdoon jedhama; kanneen isa booddee dhalatan immoo Zuuri, Qiish, Baʼaal, Neer, Naadaab, 37Gedoor, Ahiiyoo, Zakkaariyaas fi Miiqlooti. 38Miiqlooti abbaa Shimeʼaam. Isaanis firoota isaanii wajjin Yerusaalem keessa jiraatan.
39Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saaʼolii ti; Saaʼol immoo abbaa Yoonaataan, Malkii-Shuwaa, Abiinaadaabiitii fi Eshbaʼalii ti.
40Ilmi Yoonaataan:
Meriibaʼaal abbaa Miikaa ti.
41Ilmaan Miikaa:
Phiitoon, Meleek, Tahireeʼaa fi Aahaaz.
42Aahaaz abbaa Yaʼiraa ti; Yaʼiraan immoo abbaa Aalemeti, Azmaawetiitii fi Zimrii ti; Zimriin immoo abbaa Moozaa ti. 43Moozaan abbaa Biineʼaa ti; Refaayaan ilma isaa ti; Eleʼaasaan ilma isaa ti; Aazeelis ilma isaa ti.
44Aazeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis:
Azriiqaam, Bookeruu, Ishmaaʼeel, Sheʼariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kunneen ilmaan Aazeelii ti.
Copyright information for
GazHAHl